Mudde 07,2015 Shaambuu
Guyyaa har’aa ganama barattootni Kutaa 12 ffaa mormii m.plaanii dhageessisan. Barattootni kunneen waraqaa facaatuu ‘say no m.plan’stop killing Oromo students’ jettu qabatanii mana barumsaa tii magaalaatti bahuuf yaalanii poolisootaa fi humna ittisaan gargar facaafaman. Haalli ulfaatus dhaamsa isaanii dabarfatiiru. Hoo korma guduruu ABOn leencuma duruu jechuun ABO haalaan faarsan. Barattoota isaanirra darbanii magaalaa seenan reeban ,hidhaniis. Warri mooraa keessatti hafan barachaa oolan. Garuu,sa’aa barumsaa gaggabaabsuun utuu barattootni kutaa 11ffaa dabaree galgalaa achi hingahiin barattoota 12 ffaa gaddiisan utuu sa.atiin hingahiin. Barattootni kutaa 11ffas waraqaa facaatuu waliif daddabarsaniiru. Kan armaan olii mana barumsaa qophaa’inaa dha. Elementary dhaa ammoo barattootni kutaa 9 yaalanii hinmilkoofne. Ammaaf kana fakkaata.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist
SABA KOO NAN BOO’EE , HANGA YOOMITTI NYAACHUUN HIRBATA GADDAA? TOKKUMMAN HUMNA AKKUMA JEDHAMU NUYI YOO WALII GALLE TOKKO TAANEE,REEBAMUU FI HIDHAMUUN SABA KEENYA YOO HAFEE? JABAA DHA JABAA DHA SABA KOO TOKKO TAANA LAPHEE DHAAN!