Mudde 07,2015 Gabaabsa Qeerroo
Shaggar Sulultaa keessatti diddaan sirna abbaa irree Wayyaanee jabaatee itti fufuun uummanni gamtaan ka’uun sa’aa ammaa kanatti guutummaatti FDG gaggeessaa jira.Kana malees har’a Muddee 7,2015 Godina Bahaa Wallaggaa Aanaa Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu fi Nuunnuu Qumbaa keessatti Warraaqsii FDG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo fi Uummata Qonaan Bultoota Oromoon Haalaan
Jabaachuun Warraaqsii Diddaa Garbummaa Lafa Sochoosa jira, Barataan Oromoo Tokko Giddaa Ayyaanaa irratti rasaasan rukutamee jira.
Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun diddaa isaanii haalan jabeessan. mootummaan Wayyaanee sochii FDG uummatni karaa nagaa gochaa jiru irratti dhukaasa banuun goolaa jiraachuun ibsame. Aanaa Giddaatti dhukaasa Wayyaaneen uummata irratti baneen barataa Saamu’eel Kabbadee barataa kutaa 12ffaa rasaasan rukutamee mana yaalaa galee jiraachun ibsame jira.Goototni Barattootni Oromoo dhukaasaa wayyaanee dura dhaabbachuun dhaadannoowwaan itti aanuu kana sagalee guddaan dhageesisuun FDG jabaatee itti fufe.

Arjoo Guduruu

Sulultaa

Sulultaa
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist