Oduu Ammee:- Baha Oromiyaa Magaalaa Calanqoo fi Dhiha Oromiyaa Jimmaa Horroo Keessatti Diddaan Barattoota Itti Fufee Jira. Uummanni Nagaas Qabamee Hidhamaa Jira.

Mudde 03,2015 Jimmaa Horroo

photo.phpGodina Qellem wallaggaa Ona Jimmaa Horrootti har’a ganama sa’a 5:30 irraa kaasee WBO fi ABOn uummataan faarfatame. Hiriirri mormii Maaster Pilaaniis itti fufee jira.
Odeessa Qeerroo ona Jimmaa Horroo irraa, FDG akkuma jabaatee itti ffuetti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa har’a uummatas kaasanii ofii dura bu’uudhaan qonnan bulaan tokko osoo hin hafnee daldalaan, hojjetaan mootummaa diddaa gaaffii abbaa biyyummaa mormii
master pilaaniitti hirmaatee jira.
Dhaadawwannoowwan har’a magaala Jimmaa Horrootti barattootaan dhaadeffaman Mootummaan wayyaanee nurraa haa ka’u ABO n nu haa bulchu Hidhaa fi ajjechaan ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu Ajjeefamuun, hidhamuun, rasaasaan madeeffamuunii fi doorsifamuun mirga keenyaaf falmachu hin dhaabu Mootummaa wayyaaneetiin ilmaan oromoo ajjeefamuun haa dhaabbatu Yeroo ammaa kana magaalaan Jimmaa WBO fi ABO faarsuudhaan diddaa isaa itti fufee jira. Barattootni hedduun ukkaamfamanis gaaffiin abbaa biyyummaa haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruudha. FDGnitti fufa!

Kana malees har’a Muddee 3,2015 Oromiyaa Bahaa  magaalaa Calanqoo keessatti FDG guyyaa har’aa itti fufee ooluu Qeerroon gabaasee jira. Haala gabaasaa kanaa guutuun ni dhihaata.

3 thoughts on “Oduu Ammee:- Baha Oromiyaa Magaalaa Calanqoo fi Dhiha Oromiyaa Jimmaa Horroo Keessatti Diddaan Barattoota Itti Fufee Jira. Uummanni Nagaas Qabamee Hidhamaa Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

  2. Pingback: Ethiopia: The Masterplan Behind the Masterplan | Kweschn Media

Leave a comment