Gabaasa Qeerroo Wallaggaa Muddee 1,2015
Godina Wallagga dirree Warraaqsaatti jirjjiramtee jirti, yeroo Ammaa kana FDG Godina Wallagga Aanotaa garaagaraa kanneen akka Ayiraa Gullisoo, Laaloo Asabi , Jaarsoo, Mandii,Gimbii,Najjoo, Qilxuu Karraa, fi Aanota garaagaraa keessatti haalan jabachuun kan itti fufee jiruu dirmaanna uummata qonnaan bultoota baadiyyaa argachaa kan jiruu ta’uun madden keenya gabaasan.
Caalmadhumatti immoo guyyaa har’aa kana AANAA GULLISOO MAGAALAA GULLISOO keessatti FDG uummataa fi dargaggootan haanan jabaachuun itti fufe jira. Mootummaan wayyaanee waraanaa guddaa bobbaasee dhukaasaa guddaa barattoota fi uummata karaa nagaa falmachaa jiru irratti dhukaasuus FDG dhaabuu hin dandeenye, Warraaqsaa kanaan Magaalaa Gullisoo keessa naanna’uu sagaalee mormii jabaa erga dhageesisanii booda dhaadannoo guddaa dhageesisuun . Warraaqsa kana keessatti bakka hundattuu uummatni fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo dhaadannoo dhageesisaa turaniin sagalee guddaan Master Piliaaniifinfinnee balaaleffachuu fi ABO Irree fi gaacha uummata Oromooti, ABOn nu haa bulchu, ABO’n Biyya hin Gurguru, ABO mirgoota dimookiraasii fi namommaa ni kabachiisa jechuun jaalalaa fi kabaja guddaa ABOf qaban ifatti argisiisuun gabaafame. Dhukaasaa guddaa gaazii summaa’aa fi meeshaa gurguddaa dhukaasaa kan ture ta’uun ibsame. Gabaasaan itti fufa…
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist