Sadaasa 25,2015 Gabaasa Qeerroo Magaala Najjoo
Akkuma beekamu har’a FDG lixa Oromiyaa fi giddu galeessatti haala Wayyaanee yaaddeesseen eegalee jira. lixa wallaggaa Najjoo fi Mandii irratti akka eegale gabaasnee jirra. Magaala Najjoo irratti manneen namootaa sakatta’amaa jira humnaan dirqiisiifamee, manneen barsiisotaa akkasuma sakata’amaa jira. barataan tokkkos humna federaala W ayyaaneen reebichi hamaan irratti raawwatee haala yaaddeessaa keessa jiraachuun gabaafameera. Magaala Mandii irratti hiriira mormii taasifameen waraanni wayyaanee mormii kana dura dhaabbachuu irrayyuu dhukaasa baneen namootni lamaa olis madoo tahanii akka jiran gabaasaan addeessaa jira. magaalota kanneen lamaanitti ijoolleen hedduun hidhamaa akka jiranis gabaasanii jiru. Itti fufuudhaan magaala Dambi Doollootti humni waraana wayyaanee diddaan achittis ka’a jedhamee waan shakkaniif har’a waraanni achitti ramadame uummanni nurraa deemaa isin hin barbaannu jechuunis fincila kaasan. Har’a ganama irra kaasuudhaan magaala DD keessa humni waraanaa buufate jira. poolisoonni fi milishootni gara uummataa dhaabbachuun diddaa uummataa deggeran.
Pingback: Oromia: Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Addaa Ta’een Dhoosan. Wallagga Lixaa, Mandiittis Haaluma Walfakkaatuun FDG Geggeesan