Caamsaa 28/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MEETTAA ROOBII Keessattis Fincilli Ummataa Daran Jabaachaa Dhufe.

DiddaaGodina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii keessatti holola mootummaan Wayyaanee maqaa filannoo dharaatiin afarsuun walqabatee fincilli ummataa Magaalota akka Gooroo, Eelaa, Minaaree, Laga Roobii, Shinoo fi gandoota baadiyyaa kanneen akka Suubbaa Gaajoo, Dhalataa, Qaxqaxoo, Kuyyuu Gicii cimee Kan itti fufe tahuun ibsameera.

Addaatti immoo Uummatni Oromoo Meettaa Roobii ganda ‘’Kuyyuu Gicii’’ jedhamtuu ganda gootichi Oromoo Jaal Laggasaa Wagii itti dhalatee yoo taatu yeroo amma kana FDG finiinsuun qamni mootummaa Wayyaanee sadarkaa Aanaa irraa hanga Sadarkaa Federaalaatti jiru kamuu akka nutti hin seennee jechuun of irraa kan ittisan ta’uun ibsame jira. Yeroo Ammaa kanatti Gadindi dhalootaa Gooticha Oromoo Laggasaa Wagii qama bulchiinsa Aanaa illee of irraa ittisuun, diina dura dhaabbatan milishootni  gandaa illee gara uummataa hiriiruun qaamni mootummaa kamuu hidhatees, ergama addaas qabaatee akka ganda Kuyyuu Giciitti hin seenne dhorkatan, hanga bilisummaan keenya gonfanutti halagaaf garboomnee hin bulluu jechuun uummatni murtoo fudhachaa jira.

Akka Waliigala guutummaa AANAA MEETTAA ROOBIItti  Ummatni sagalee keenya diinaaf hin laatnu jechuun,filmaata sobaa keessatti hirmaachuun fafa jechuun uummatni karaan keenyaa tookichaa kanaan booda falmannee falmachiisuuf murtii fudhannee jirra jechuun FDG jabeessuun kan itti fufan yoo ta’uu , Caamsaa 26/2015 gandoota baadiyyaa keessatti korojoon filannoo wayyaanee utuu gara Aanaa Geessuuf adeemanii uummatni itti iyyuun koree boordii irraa fudhachuun ibiddaan barbadeessuun gabaafame, Waraanni wayyaanee uummata sodaachisuuf sagalee dhukaasaa meeshaa gurguddaa dhageesisaa jiraachuun ibsame jira.

Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo shororkeessee jiraachuu akkuma bare sababa kanaan walqabatee guyyaa har’aa dargaggoo Taaddasaa Shifarraa magaalaa Gooroo keessatti loltoota mootummaa wayyaatiin rukutamee Hospitaala Phaawuloos Finfinnee galuun dhagahame. Haaluma walfakkatuun dargaggootni Oromoo fi qonnaan bultootni lakkoofsaan 40 ol tahan yeroo ammaa naannuma kanaa mana hidhaatti darbamanii dararamaa jiraachuunis barame. Uummatni Oromoo AANAA MEETTAA ROOBII Waan manaa baaneef mana argannutti manatti hin deebinu, Kan manaa baaneef Bilisummaa fiduufi malee rasaasa diinaan reebamnee galuu miti jechuun Ibsa ijjannoo baafatan ummatni naannichaas. Qabsoon daran finiinee itti fufee jira.

1 thought on “Caamsaa 28/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MEETTAA ROOBII Keessattis Fincilli Ummataa Daran Jabaachaa Dhufe.

  1. Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

Leave a comment