Godina Wallaggaa Aanaalee Jimmaa Arjoo fi Waayyuu Qilxuu Keessatti Diddaan Uummataa Jabinaan Itti Fufe,Ummannis Wagahii Duula Filatnoo Wayyaanee Guututti Lagate.

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 19,2015 Naqamte

diddaa9Godina Wallaggaa Aanaalee Jimmaa Arjoo  gandoota Waayyuu Qilxuu,Kamisa Beeraa fi aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Bildiimmaa Qexxoo keessatti guyyaa kaleessaa uummati bakkeewwan kana jiraatu Wayyaanee fi jala deemtotashee OPDOtti waaroo salphinaa uffisan
Onaa Jimmaa Arjoottis ta’e walii gala biyyattiitti filmaata sobaa geggeessituuf mootummaan Wayyaaneen tokkoshaneen nafiladhaa jedhus falmii jabaan uummata irraa itti ka’aa jira.

Jimmaa Arjoo gandoota Waayyuu Qilxuu fi Kamisa beeraatti uumnata bobbaasee wayita Mootummaan Wayyaaneen akka hayyudureen tokko Shane’s isinitti agarsiisutti nufiladhaa yeroo jedhu uummati walgahii harkatti fashaleessuun kaabinoota haalaan naasuun akka rifatan Qeerroo Jimma arjoo gabaasee jira.

Oduu walfakkaatuun achuma ollichatti kan argamu aanaa nuunnuu qumbaa ganda Bildiimmaa qexoorraas uumnati biyyi tokko shaneen filannoo geggeessitu addunyaa kanarraa dhaga’amee hin beeku jechuun FDG Wayyaanerratti waan dhageessisaniif yeroo ammaa kana namni bakka bakkatti sosso’uuf rakkoo guddaa keessa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Leave a comment