Walitti Bu’iinsa Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee Jidduutti Uumameen Godina Wallagga Magaalaan Qassoo Goolamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Caamsaa 5,2015 Qassoo

DSC00039Barruuleen warraaqsaa maxxanfame ykn faca’eera sababaa jedhuun, Wallagga aanaa Waamaa Hagaloo  magaalaa Qassoo Keessatti  warraaqsa Bilisummaa ka’een uummataa fi Poolisoota Wayyaanee jidduu walitti bu’iinsi uumameen Poolisoonni mootummaa Wayyaanee afur uummataan reebamuun kaan ammo magaalicha gadhiisanii bahanii kan turan duubaan humna Poolisa Federaalaa gurmeeffachuun gara magaalaatti deebi’anii uummata gooluu fi hidhuutti babba’anii akka jiran Qeerroon gabaase.

Haala kanaan poolisiin maqaa isaa Gulummaa jedhamu kanneen reebaman keessaa madaan cimaa kan irra gahe yeroo ta’u kanneen hafan kaan dabalatee konkolaataa mootummaan mana yaalaatti ergamuu beekame.

Poolisoonni Federaalaas dargaggoota magaalaa ari’anii qabuun badii tokko malee hidhanii reebaa kanneen jiran keessaa hamma ammaatti kan maqaan beekame.

  1. Dargaggoo Asaffaa Dabalaa
  2. Dargaggoo Asfaw Mootii
  3. Dargaggoo Nagaasaa Beekumaa
  4. Jiraataa Qannoo Fiqaaduu

Ta’uu Qeerroon magaalaa Qassoo gabaasee jira.

1 thought on “Walitti Bu’iinsa Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee Jidduutti Uumameen Godina Wallagga Magaalaan Qassoo Goolamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Qeerroo: Walitti Bu’iinsa Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee Jidduutti Uumameen Godina Wallaggaa Magaalaan Qassoo Goolamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase |

Leave a comment