Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo Ebla15  Ilaalchisuun Hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessa Darbee fi Sochii Warraaqsa FDG Ilaalchisuun Ibsa Gabaaba Uummata Oromoo Hundaaf Dabarsan.

Yaadannoon gootota qabsoo bilisummaa Oromoo, Ummata Oromoo baldhaa bilisoomsuu fi Oromiyaa gudditti walaboomsuuf utuu qabsawanii  Wareegama qaalii kanfalan bara baraan kan isaan yaadannudha. Guyyaa kana addatti yaadachuun kan barbaachiseef aadeffatameef utuu hin taane guyyaa kana seenaa qabsoo bara dheeraa uummanni Oromoo of dandamachiisuu fi bittaa halaga jalatti hin bullu jechuun ofiin of bulchuu qabna jechuun gaggeessa turee fi jiru kabajaa guddaa fi gootummaa guddaa goototni Oromoo argisiisaniin kan boonaa jirru fi kan itti yaadannudha.  Guyyaan Ebli 15n bara baraan qalbii keenya keessatti yaadannu gootota ilmaan Oromoo yeroo biyyi keenya Oromiyaan waanjoo kolonii jalatti kuftee eegalee lubbuu isaanii takkaa bakka bu’uu hin dandeenye wareeguun Oromiyaa amma arginuu,Afaan Oromoo, aadaa keenyaa, seenaa uummata keenyaa. eenyummaa Oromummaa keenyaa fi kaartaan Oromiyaa amma  argaa jirruu  kanaaf kan bu’uuraa ta’uu isaanii yaadachiisuun dirqama. Guyyaa yaadannoo gootota Oromoo bakka argamnu hundatti waligurmeessuun  haa ta’uu akka nama tokkeetti kanneen yaadannuu fakkeenyaaf:

  1. Dhuma Jarraa 19ffaa yeroo koloneeffataan habashaa deeggarsa faranjii bar-gamaatiin humneeffame biyya keenya weerare ilmaan Oromoo kumoota dhibbootaan wareegaman, galmee keessatti kan argamu ta’uu hubachuun, harma muraa fi harka muraan aannoolee fi Calii Calanqoo godannisa garboomsaa seenaa keessatti dagatamuu hin dandenye,
  2. Bara 1928-1948 keessa fincila Raayyaa irratti ilmaan Oromoo jumlaan wareegama baasuun diina of irraa ittisan,
  3. Bara 1964-1973 keessa fincila Baalee, ijaarsa Waldaa Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessattii, wareegama qaalii kanfaluun kan goototni ilmaan Oromoo godhan,
  4. Bara 1970ta irraa eegalee qabsoo bilisummaa Oromoo bifa waraanaan ijaaruun qabsoo ABOn durfamuu fi baroota 1973 irraa caalatti rasaasni bilisummaa Oromoo bifa ijaaramee dhukaafamuu bara egalee keessa wareegamoota qaalii kanfalamee fi Wareegama hogganootni qabsoo bilisummaa Oromoo gammoojjii Somaliyaa keessatti nuti kutaa, amantaa fi gandaan gargar hin baanu jechuun wareegama ulfaataa kanfalanii fi baroota 1970-1991 bakkota garaagaraatti haalota garaagaraa keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsuun wareegama qaalii ilmaan Oromoo baasan yaadachuun,
  5. Bara 1991 yeroo xurreen bilisummaa Oromoo dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoon ijaramee jabaatee sarkaa uummata baldhaa Oromootti as ba’ee fi ijifannoon cululuqaa ta’ee gootota ilmaan Oromoon lafa qabatee fi shira diina keessaa fi faranjii baargamaan xaxameen wareegama qaalii kanfalame,
  6. Bara 2005-2010tti bara dhalootni qubee qabsoo bilisummaa Oromootti makamuun FDG sadaasa 9 irraa eegaluun caalmatti golee Oromiyaa keessatti warraaqsi dhaloota haaraan qabsiifamee wareegamni qaaliin dhibbootaan lakka’aman wareegamuun kumootaan kanneen lakka’ama hidhaatti ukkanfaman  ta’uu yaadachuun
  7. Bara 2014-2015tti Dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo qabsoo Sochii warraaqsa FDG karaa nagaa fi dimookiraasiin dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo bara 2011 bifa qindaa’een ijaaramuun sochii  godhan keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo diinnii kallatti hundaan ukkamsuuf humna waraanaa fi shira daanga hin qabne xaxaa ture, goototni Qeerroon barattootni Oromoo Ebla 11/2014 irraa egaluun kayyoon goototni ilmaan Oromoo irratti wareegaman galma ga’uu qabdi jechuun ifatti bifa qindaa’ee fi ijaarameen karaa nagaa fi dimookiraasii  FDG qabsiisuun sochii uummata Oromoo hunda bakka jiran hundaa hirmachise diina yaaddoo keessa buuse qabsiisuun wareegama qaalii kan daa’imman gannaa 7 hanga manguddoota ganna 80tti jiran hirmachiseen goototni ilmaan Oromoo wareegama qaalii godinoota dhiha Oromiyaa Naqamte fi Amboo, Bahaa Oromiyaa Baalee Madaa Walaabuu fi Haramayyaatti wareegama lubbuu ilmaan Oromoo Oromiyaa kabachiisuuf kennanii fi duulaa hidhaa,daraaraa reebbichaa toorcherii  fi barnoota irraa arii’achuu  barattoota Oromoo dhabbilee barnoota Olaanoo Yuuinibarsiitota Oromiyaa Jimmaa, Amboo, Wallaggaa, Mattuu,Bulee Horaa, Finfinnee, Adaamaa, Harammayyaa, Dirree Dawaa, Maddaa Walaabuu fi kkf irratti raawwatamee galmee seenaa uummata Oromoo keessatti yaadachuun,Guutuun Ibsa Kanaa:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 14 2015

Leave a comment