Shaggar Kaabaa, Aanaa Akaakoo Keessatti Walgahiin Wayyaanee Diddaa Uummataan Feshala’e, Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo Irratti Ammoo Daa’immaan Walitti Qabuun Ayyaana OPDO Dirqiin Kabachiisan.‏

Gabaasa Qeerroo  Ebla 1/2015
AkakoMootummaan Wayyaanee wayita ammaa uummata walgayii gara garaan qabuudhaan olola siyaadaa gaggeessaa kan jiru Oromiyaa godinaa fi aanaa irratti uummataan feshala’aa jira.

Naannoolee  adda addaattis uummanni walgayii irratti argamuudhaan gaaffii mirgaa kaasuudhaan ergamtoota mootummaa afaan qabachisaa jiru. Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa aanaa Akaakoo irraa Ebla 1/2015 nu gaheen dhimma ayyaana OPDO fi filannoon wal qabsiisuudhaan uummata jiraattoota aanaa Akaakoo irraa walitti qabuudhaan walgayi teesisaa oole, keessattuu haala adeemsa filannoo barana gaggeeffamuun wal qabsiisee mootummaan Wayyaanee yaadoo guddaa keessa seenuun isaa uummatatti gadi bu’ee maqaa walgayiitiin uummata mudduu fi uummata sobuu irratti argamaa jira, haaluma kana fakkaatuun odeessa har’a aanaa Akaakoo irraa nu qaqqabeen tikoota isaanii fi dabballoota isaaniin uummata walgayii teesisuudhaan marii gaggeessuun uummanni gaaffi mirgaa kaasee feshelatee jira. Gaaffii uummatni kaase:

  • Barattootni keenya balleessa malee mana hidhaa keessa jiran gadhiifamuu qabu,isa booda mootummaa waliin teenyee walgayii nagaa
    gaggeessuu dandeenya,
  • Dhimmi Master Pilanii nu ilaallata, waggaa kana darbe ijoolleen keenya maqaa kanaan rasaasaan rukutamanii du’an hedduudha,har’as
    kanumaan nutty roorrifamaa jiru, dhimma kana ilaalchisee arrabsoon Abbaayi Tsaah nu arrabseef seeraan adabamuu qaba, dhimmi kunis maaliif
    lammee ka’a lubbuu ijoollee keenya wagga darbe dhumataniif eessatti cinaa durbitanii?
  • Maqaa inestimentiitin qonnaan bulaan lafa isaa buqqa’aa jira, obboloota keenya kanaan dura kun irratti raawwate har’a rakkina
    isaanii fi maatiin isaani irra jiran argaa utuu jirru kana gochuuf mootummaan maaliif ammas nurratti karoora baasaa jiraataa? Kun maaliif
    hin dhaabbatuu?
  • Maqaa bulchiinsa gaariitiin miidiyaadhaan gurra nurraa cirtu rakkina uummanni irra jiru kunoo waanuma ijaan argaa jirtaniidha, rakkoo
    bishaanii fi ibsaan uummanni wayita kana miidhaa guddaa keessa jira mootummaan maaliif uummata sobaa? Mootummaa nu sobu waliin akkamiin jiraanna?
  • Filannoon gaggeeffamuun dura kun hunduu sirraachuu qaba, fudhatama nu birattis argachuu dandeessu hamma kana hin raawwanneetti keessatti
    ijoolleen keenya mirga isaaniif jedhanii hidhaman hanga gadi dhiifamuu fi  mirgi uummata Oromoo hanga kabajamutti diddaa akka itti fufan beeksisanii jiru.

???????????????????????????????Gama biraan Wallagga Qellem, Jimmaa Horroo Bitootesa 31,2015 walgayiin mootummaa uummataan feshalatee jira, Ayyaana OPDO sababeessuudhaan dirqamaan uummata walgayii waamee ture uummannis walii galteedhaan akka hin baane tahuun gama uummataan hirmaannaan walgayicha irratti dhabamnaan barattoota humnaan kutaa 1-4 jiran daa’immaan walgayii teesisuudhaan maqaa Ayyaanaa itti dhahuudhaan barattoota umuriin gadi gowomsuu yaaluunis barattootni jeequmsaan walgayiin isaanii kaleessa feshalatee jira.

2 thoughts on “Shaggar Kaabaa, Aanaa Akaakoo Keessatti Walgahiin Wayyaanee Diddaa Uummataan Feshala’e, Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo Irratti Ammoo Daa’immaan Walitti Qabuun Ayyaana OPDO Dirqiin Kabachiisan.‏

  1. Woli gallanni allaa gallani jedhe mammamakani oromoni nu woli hin gallee oso woli gallee sabini
    nurratti dugaga hin rawattuu?
    Mee ijollee armani duraa du’aani fb irraatti share ha goonnuu bara darbe asi oromotta maqaattuu fb faayyadamuu egallera kanafu share godhuni saba kenya dhallota boda barsisuuni dirqama
    yaa qommo koo;(

  2. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Shaggar Kaabaa, Aanaa Akaakoo Keessatti Walgahiin Wayyaanee Diddaa Uummataan Feshala’e, Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo Irratti Ammoo Daa’immaan Walitti Qabuun Ayyaana OPDO Dirqiin Kabachiisan |

Leave a comment