Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa;

Sadaasa 20,214 Adaamaa

q1Sadaasa 18,2014 irraa kaasee mooraa yuuniversitii saayinsii fi teknolooji Adaamaa keessatti mariin dhimma bulchiinsa, dhimma amantaa fi mirgi amantaa eegamuu dhabuu irratti dubbatamaa ture, kana irrattis gaaffiin adda addaa ka’uu isaa fi bulchiinsi mana universitichaas deebii itti fakkaate kunnuun insame.

Mariin kun kan hammate miseesmota mana amntii kiristaanaa Orthodoksii lakkoofsaan 700 ta;anii fi Musiliimota gara 1500 ta’anii wajjin ture. Marii kana irratti kan hubatame dhimma amantii isaanii fi bulchiinsa universitichaan kan walqabate yeroo ta’u bulchaan mooraa yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaadhaa hordoftoota amantaa Musiliimaan mooraa keessatti akka hin saganne beeksisa baasuudhaan dhorkee jira. mooraa kana keessatti eenyuyyuu akka hin sagannee fi shariyaa godhachuun akka hin danda’amne dubbachuu isaa fi warreen amantaa Orthodoksii gaggeessan ammoo huccuu adii haphii of irra buusanii mooraa keessa adeemoon dhorkaadha jechuun akeekkachiiseera. Kanaafuu mooraa kanaa alatti namni kamuu dhimma amantii isaa alatti akka barbaadetti gaggeeffachuu ni danda’a garuu seerri mooraa kun baaseef bitamuun dirqiidha jedheera.

Dhimmootuma kana irratti Sadaasa 18 irraa eegalee hanga Sadaasa 20, 2014tti barattoota kanaan kan gaggeeffamaa ture yeroo ta’u gaaffiiwwan hedduun barattoota irraa ka’ee deebii quufsaa hin argatin hafee gara mirga ofii kabachiisuutti tarkaanfachaa deemuun ibsamee jiraa. Mirgi amantii nuuf haa eegamu jechuudhaan gaaffii isaan kaasaniif osoo deebii hin laatin guyyaa biraatti beellamni biraan akka kennamu ta’eera.

Kun osoo kanaan jiruu barattootni 4, dhiira lamaa fi durba lama sagadaaf/salaataaf sirnuma salaataa amantii isaanii kabajuun akka masjiida seenaniin halkan keessaa sa’a 10:00tti poolisootaan qabamnii waajjira poolisa magaalaa Admaa eega bulfamanii booda barattoonni kun sochii amantii isaanii kana mooraa keessatti gaggeessffachuu akka dhaaban gorsaa akka kennaniif garuu akeekkachiifamuun booda ganama isaa gadi lakkifamaniiru. Osoo mariin kun hin dhumin wanni kun raawwachuun isaa ammoo mootummaan amantii uummataaf kabaja akka hin qabe kan mirkaneessu yeroo ta’u, maaliif akka isaan hidhaman, amantaadhaan yakkamuun maaliif dhufee irratti gaaffi cimsanii kan gaafachaa turan yoo tahu, kanumaan wal qabsiisee deebiin bulchiinsa mooraa kanaa irraa barattoota kanaaf kenname gahaa kan hin taanee fi yeroo biraatti darbee rarraee kan hafeedha.

Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa.doc

1 thought on “Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa;

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa |

Leave a comment