Waraannii Wayyaanee Aanaa Gindabarat irra qubsiifamee jiru, uummaata nagaa irraatti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii ajjeese.

Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Waxabajjii 12,2014

Waxabajjii 12/2014 Waraannii Mootummaa Wayyaanee Godina Lixaa Shawaa aanaa Gindabarat Magaalaa Kaachiis irra qubatee jiru barattoota irratti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii (3) ajjeese jira. Mootummaan Wayyaanee duula dugugginsa sanyii genocide uummaata Oromoo irraatti banee jiru jabeessuun itti fufe.

Wayyaaneen humna waraanaa of harkaa qabu uummata Oromoo irratti bobbaasuun yeroo amma kanatti uummata nagaa irratti waraana banuun dhukaasee ajjeesa jira.Addatti ammoo barattoota Oromoo adamsee rasaasaan reebee ajjeessuu itti fufee jira, haala kanaan barattootni Oromoo kutaa 12ffaa bara kana xummuran sadii(3)

1. Barataa Damee Balchaa Baanee

2. Barataa Caalaa Margaa kanneen

3. Barataa Baqqalaa Tarrafaa

Jedhaman keessatti argamu

3 thoughts on “Waraannii Wayyaanee Aanaa Gindabarat irra qubsiifamee jiru, uummaata nagaa irraatti waraana banuun barattoota Oromoo kutaa 12ffaa Sadii ajjeese.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Waraannii Wayyaanee Aanaa Gindabarat Irra Qubsiifamee Jiru |

  2. yaa ummata oromoo maaloo harka duwwaa diinan dhumuun ni ga’a! hunduu meeshaa qabuun osoo waliin ka’anii ture.

  3. iyyannees dadhabne garuu maal goona keessa kootu na dhukkubsacha jira. ummata fulduratti guyyaa kaleessa dubbadha jedhani ummati yaada qabu ibsate ture. haata’uu malee ummata nagaa jiru hidhatti naqaa jiru.maaloo sagalee(afuuraa) keenya essatti baafannu ????

Leave a comment