Ajjeefamuun Barataa Oromoo Daangaa Dhabe! Barataan Kutaa 10ffaa Daawwit Waaqjira Wallagga Anifilloo Keessatti Waraana Wayyaaneen Rukutamee Wareeganuun Gabaafame

Waxabajjii 03,2014 Dambi Doolloo

Qeerroo bilisummaaGabaasa Qeerroo Qellem Wallaggaa Anfilloo Waxabajjii 03/2014 galgala keessaa sa’a 3:40 irratti.Mootummaan wayyaanee humna agaazii oromiyaa keessa tamsaasuudhaan gaaffii tokko malee nama oromummaa isaaf dhaabbatu rasaasaan rukuchiisaa jira.Gabaasni kun akka addeessutti kaleessa Waxabajjii 02/2014 barataa kutaa kurnaffaa qormaata biyyoolessaa fudhatee gale sabboonummaa isaatiin kan ka’e yakka tokkollee kan hin goone humna waraana agaaziitiin qabamee bosona seensisuudhaan reebicha hamma du’aatti irratti raawwatan,erga reebanii miidhanii booda sadarka du’a isaa beekuudhaan rasaasaan rukutani.
Barataa Oromoo wareega qaalii kafale kana bosona keessatti reebanii erga hamma du’aatti deemsisanii booda galgala daandiitti baasaniiti rasaasaan akka rukutan kan ijaan argan ni dubbatu. Barataan kun maqaan isaa Daawwit Waaqjira jedhama.Guyya har’aa sirni awwaalcha isaa kan gaggeeffame yoo tahu humni waraana agaazii wayyaanee jedhamu kun uummata naannessee marsuudhaan hamma reeffi mucaa awaalamee xumuramutti akka waan rukuttaadhaaf qophiin jiruutti bakka qabachuudhaan gandi Ashii jedhamtu dirree waraanaa fakkaattee ooltee jirti jedhu maddi gabaasa Qeerroo Anfiilloo!

Kana malees ganama  Waxabajjii 03,2014 dargaggoon Addisuu Aagaa jedhamu magaalaa Laaloo Qilee keessa Motorbike qabatee osoo nagaan deemaa jiruu  poolisoonni Oromiyaan reebamee Hosptala Ayiraa gullisoo galee akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

anfilloooo anfilooo anifilo qelam

4 thoughts on “Ajjeefamuun Barataa Oromoo Daangaa Dhabe! Barataan Kutaa 10ffaa Daawwit Waaqjira Wallagga Anifilloo Keessatti Waraana Wayyaaneen Rukutamee Wareeganuun Gabaafame

  1. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian Government in handling protests in different parts of the state of Oromia by peaceful demonstrators | OromianEconomist

  2. Pingback: Qeerroo: Ajjeefamuun Barataa Oromoo Daangaa Dhabe 05.06.14 | Dhaamsa Ogeettii

  3. Pingback: Qeerroo: Ajjeefamuun Barataa Oromoo Daangaa Dhabe |

  4. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Qeerroo: Ajjeefamuun Barataa Oromoo Daangaa Dhabe |

Leave a comment