Breaking News: FDG Ganama Kana Ka’een Waraanni Wayyaanee Barattoota Yuuniversitii Wallaggaa Reebaa Jira.

Oduu Ammee Caamsaa 14,214 Naqamte
Amma ganama kana gaaffii mirgaa ka’een barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti argaman waraana Wayyaneetiin hedduu midhamaa jiru waraana konkolaataa 3 fidanii moorichatti naquudhaan barattoota hedduu reebanii madeessaa fi caccabsaa jiru baayee nama gaddisiisa akka dhaamsi nu dhaqqabaa jiruttti baayee miidhamaa jiru amma kallattiidhaan kan dhagaya’aa jirru sagalee iyya isaanii magaalaa Naqamtee guutummaa irraa ibsaa balleessuudhaan Network akka hin hojjenne godhanii jiru haala jiru itti fufnee jala bu’uun dhaamna.

2 thoughts on “Breaking News: FDG Ganama Kana Ka’een Waraanni Wayyaanee Barattoota Yuuniversitii Wallaggaa Reebaa Jira.

  1. Akkam jirtu?

    Gimbii keessatti ummata walitti qabuun, jaarsummaa jedhanii diinaaf karaa banaa jiru. Jaarsolii kana akeekkachiisaa. Abashooti kan Oromoo kolonii jala ittiin tursan karaa Goobanaa fi Jaarsolii Oromootiin. Kun cabuu qaba. ABOn akkeekkachiisa haa dabarsu. Qeerroonis irratti haa hojjatu.

    FDG itti fufa, dhaabbachuu hin qabu.

  2. Haa kaanu Oromoo hin dhiboofnu, Jireenyatti hin jirru homaa of hin sossobnu, Dhala keenya jorgaasanii hamma teenyee gaddinu, Lallaba summii diinaa hamma teenyee washabnu, Warra gumaa waliin hamma teenyee mari’annu, Gumaa baafachuudhaaf irree ol haa kaasnu. Hanga lafarraa dhumnutti hin ilaallu teenyee, Roorroo ofirraa deebisuuf Oromoon haa lolu ka’ee, Bara baraan hin duunu hin booyinyu teenyee. Alagaan bashannanee hamma teenyee gadadnu, Haa kutannu hadheeffannee haa lollu, Yoos malee bilisoomuu hin dandeenyu, Gabrummaan fafa jalaa haa baanu, Lafarraa dhumuuf jirra teenyee otuu dhiboofnuu.!!!

Leave a comment