Sababaa Qorannoo Jedhuun Qondaaloti Wayyaaneen Jiraattota Magaalaa Sulultaa Guyyaa 5f Walgayii Gaggeessaa Jiru!!

???????????????????????????????Gabaasaa Qeerroo Guraandhala 25 godina addaa Finfinnee Sulultaa irraa addeessuun mootummaan wayyaanee yeroo ammaa ABO qofa osoo hin taanee sodaan isaa miseensotuma isaayyuu shakkuudhaan sodaa keessa galee jira,seelii ABO fi seelii keenya adda baafachuu qabna jedhani labsii labsaa jiru magaalaa kana irratti,kaleessa;guraandhala 24 irraa kaasanii miseensota OPDO kan taam hunda walitti qabuudhaan wal gayii ariifachiisaa qaama nu hordofuu fi nun hordofne adda baasuudha jedha mootummaan jedhuun hanga guyyaa 5niitti walgayiin wayyaanee magaalaa Sulultaa irratti dhimma kanaaf adeemsifachaa jirti. Wal gayii kana irratti namoota hirmaatan addatti ammo miseensa ABOti jedhuun shakkaa ture mootummaan wayyaanee tikoota isaatiin gara qorannaa federaalatti akka fuudhataman taee jira,isaan keessa kan maqaan nama lamaa nu gahee jiru:

1. B/saa Tamasgeen Hirkoo
2. B/saa Guddataa Takkaaliny Oliiqaa

Kan jedhaman kun barattoota siyaasa barsiisa,maatii barattootaa waamuudhaan sabboonummaa akka baratan,aadaa fi seenaa oromoo barattootni keessan hubachuu qabu kan jedhu maatii isaa gorsaa barattoota maatiin isaanii deggeraa mootummaa tae ammoo ilaalcha gaarii hin qabaniifi,walii galatti sammuu barattoota siyaasaan jijjiiranii jiru jedhuun yakka kanaan gara qorannootti dhiyaatanii jiru,keessi isaa bifa hidhaatiin tikoota wayyaaneetiin qabamanii gara federaalaatti akka geeffaman gabaasaan Qeerroo addeessa. Itti fufee mareenii fi qorannoon Wayyaanee magaalaa Sulultaa irratti gaggeeffama kan jiru guyyoota 5f seemii isaanii adda baafachuuf ajandaa godhatanii kaanii jru bakka biroo irratti kan itti fufu akka tae odeeffannaan ibsa. Diddaan Itti fufa!

2 thoughts on “Sababaa Qorannoo Jedhuun Qondaaloti Wayyaaneen Jiraattota Magaalaa Sulultaa Guyyaa 5f Walgayii Gaggeessaa Jiru!!

  1. Mootummaan Wayyaanee Dhugaa jiruu Haguugee, Ummata Rakkoolee jireenyaa; Beela hamaaf saaxilee Rakkisaa jira. Sochii Hayyootaa, Miskinaa fi hawaasa Dadhabaa Ukkaamsee deemuuf karaa duraa Cufee, akka hintenyee iddoo jireenya isaani buqisee gurguraa jira!..Kanaafuu Yaa nama Ofqooradhuu Qeerrootti Makamii QABSOO SABAATIF TUMSA GOODHII!!..XUUMMURA WAYYAANEEF BOOL’A AWWAALAA QOOTII!!….seenaa keetis jijjiri!!

  2. Pingback: Sabaa Qorannoo jedhuun Qondaaloti Wayyaaneen jiraattota Magaal Sulultaa Guyyaa 5f Walggeessaa jiru | kelbessac

Leave a comment