Mootummaan Wayyaanee Seeraa Mirga Barattootaa Ugguru Baase.

Gabaasa Amajjii 30,2014 Jimmaa

Gaafa Amajjii 28/2014 Mootummaan EPRDF fi Ministerri Barnootaa EPRDF seera haaraa baasan irratti baratoota dhaabbilee barmotaa olaanoo kanneen akka Yuunivarsiitii, Kolleejjii, manneen barmotaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irraa baratan irraatti seeraa haaraa mirga baratoota biyyaatti sarbu dabarsee jira, seera kanas karaa dabballootaa fi bakka bu’oota mooraa dhaabbiilee barmoota keessatti maxxansuun baratootni dubbiisani jireenya sodaa keessaa of galchuun sodaachaa akka jiraatanif ta’e jedhee mootummaan abbaa irree kun mirgaa baratoota sarbaa jira.
Qabxii ijoo seerrii imammata barmootaa wayyanotaa waliin wal qabatu kun mirgootaa amantaa, aadaa, eenyummaa fi kabaja namummaa kan sarbudha. keessattu Mooraa dhaabbilee barmotaa caqafaman keessaatti ;
1. Uffata Aadaa uffaachuun dhorkaadha, Uffatee kan argame seeraan adabama jedha.
2. Uffataa amantaa calaqiisiisuu fi kan shammarraan hordoftotni amantaa Muslima mataatti maratanii fi golgatanii deemaan dhorkaadha, kanaan booda dhaabuu qabu jedha,
3.Baratootni Mooraa dhaabbiilee barmootaa akka Yuunivarsiitii fi
Koolleejjii keessaatti lama ol ta’anii waliin deemuun, taa’uun,dhaabbachuun, dhorkadha, kana godhee kan argamee seeraatti dhiyaate adabama jedha.
4.kitaabolee barnotaan alatti asoosamota fi barruuwwaan garaagaraa mooraa barnotaa keessa galchuun dubbisuu fi dubbisiisuun dhorkaadha jedhuu fi kkf kan of irraa qabu seeraa dorsisan guutamee fi mirga baratoota guyyaa adii sarbaa jiru fuula ja’a kan qabu dhabbiilee barmota biyyaatti Yuunivarsiitota garaagaraa keessaatti maxxaansuun mirga baratoota sarba jiru.
Barruun seeran alaa kan mirga barattoota sarbaa jiru ibsuu kun Yuunivarsiitotaa Oromiyaa kanneen akka Yuunivarsiitii Jimmaa, Amboo, Wallaaggaa, Mattuu, Adaamaa, HaraMaayyaa, Dirree Dawwaa, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu keessaatti maxxanfamuu bira ga’ame jira. hallii kun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaaggaa keessaatti baratoota dheekkamsiisuu irraa darbee Mooraa Yuunivasitii Jimmaa moora arfan keessatti Gootootni sabboontotni qeerroo baratoota Oromoo seeraa mirga dhala nama sarbuu wayyaaneen maxxansuu kana buqqisaanii ciruun, kanaan boodaa akka feedhii keenyaatti hiriyootaa keenyaa waliin 10, fi isaa oliin wal duukaa sochoona, tokkummaa keenyaa caalaatti jabeeffaannee mirga keenya sarbamaa jiru ni kabachiifanna jechuun Qeerroon baratootni Oromoo seeraa dabaa Wayyaanonni waan qabanii
gadhiisan dhabuun baasaan kana balaaleffatan.

2 thoughts on “Mootummaan Wayyaanee Seeraa Mirga Barattootaa Ugguru Baase.

  1. Ass.war.wab,akkam bulte nagaa,ani nagumaa.Mee barreeffama waa’ee qabsoo Oromoo kana dubbisaa,yaada naaf laadhaa. Anumaan barreeffame,innis kan itti aanu kana. Dhiite Aduun Shiraa

    Saba koo Oromoo kan dhalaa fi dhiiraa,
    Tokkummaa jabeessaa bakka jirtan maraa,
    Keessaayyuu dargaggoon kan dubraa fi dardaraa,
    Harka wal qabadhaa wal wajjiin hiriiraa,
    Gabroomsaa dullacha ofirraa jijjiirraa,
    Aduun nuu bahuufii,dukkannii deemaaraa,
    Warri dhugaa dhokse nurraa fottoqaaraa,
    Leencoo Lataa,fudhaa fakkeenya abbaa garaa,
    Kan akkasaa sanneentu qabsoo ukkaamseeraa,
    Fuulduratti deemaa kan dabreerraa baraa,
    Galaanni gabroomsaa nyaatu dhufaa jiraa,
    Akka durii mitii,gadaan teenya harraa,
    Guyyaan BILISUMMAA nutti lallaabaaraa,
    Jabaadhaa hundinuu,dhiite aduun shiraa!!!

    Gadaa walabummaa,mul’iftuu jireenyaa,
    Daawwitii saba koo haqa abbaa keenyaa,
    Diimookiraasii haqaa,bulchiinsa addunyaa,
    Gahe carraan isaa kan hin qabne beenyaa,
    Jabaadhaa hundinuu,qabsoon itti geenyaa,
    Harka wal qabadhaa TOKKUMMAAn jabeenyaa,
    Dhiite aduun shiraa amma yeroon keenyaa!!!

    Saba koo OROMOO tokkummaa ijaaraa,
    Balleessaa Waa hin yaannee yaasaa biyya koorraa,
    Eenyu jala dheenna biyya keenya irraa,
    Eeggadhaa Habashaa ka’uuf wixxisaaraa,
    Warra sobaa fiigu dhugaan darbaa jiraa,
    Akka feetes taatu darbe carraan jaraa,
    Mee itti himaa dhiiroo,dhiitee aduun shiraa!!!

    Gaafii Bilisummaa ti,gaafiin Oromootii,
    Lammummaa Eth.maal goonaa yabootii,
    Jarri gaafii saniin kaate eessa geettii,
    Wanni jara kanaa waan ajaa’ibaatii,
    Kanneentu awwaale dhiiga lammii kootii,
    Amma immoo lammummaa Eth.gaafattii,
    Deebis hin argattu,ofumaa dhamaatii,
    Osoo achi hin gahin karatti walgattii,
    Qabsoo nuuf jabeessa jara morkadhaatii,
    Dhiite aduun shiraa kan akka jaraatii!!!

    Fedhiin koo BILISUMMAA saba OROMOO tii,
    Yoo dogoggorellee ana oofkalchaatii,
    Yaadaan gubachaara bahee biyya kootii,
    Mee wal haa tumsinuu qabsoon kophaa mitii,
    Abdii Baalee Oromiyaa jedhama Afrikaa Kibbaatii,

    • Yaa qomoo koo akkuma manguddoonni keenya,”Bineensi badii gahe muka badii nyaata” jedhan san,mootummaan Wayyaanee(waa hin yaannee)’s barri badii isaa waan gaheef jecha akkanatti haafa mukaa qabata,kanaafuu,bakka jirruu waltaanee haa dura dhaabbannuu.
      “Diina hiddaan buqqifna,dadhabnus harka hin laannuu,ilmaan itti guddifnaa” Jen.WAAQOO GUUTUU
      Galatoomaa,isin jaaladha. Abdii Baalee Oromiyaa ABO,Afrikaa Kibbaarraa.

Leave a comment