Diddaa Barattootaan Wal-Qabatee Yuunivarsiitii Gonder Keessatti Mootummaan Wayyaanee barataa Oromoo yakka tokkoon malee ajjeeste.

Sadaasa 25,2013 Gabaasa Qeerroo Yuni Gondar
Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo keessumaa ammoo barattoota Oromoo hidhaa fi ajjeesaa kan as geesse ammas ittuma fufuun Yuunivarsiitii Gondar keessatti barataa Oromoo ajjeeste. Barataan Oromoo Asrat jedhamu barataa FBE marketing tahee waggaa sadaffaa baratu yakka tokko malee mooraa Yuunivarsiitii Gonder keessatti ajjeefamee jira. Barattootni Oromoo gumaa ilma keenyaa ni baafna jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu. Mooraan Yuunivarsiitii Gondaris diddaa kanaan guutamtee mootummaan wayyaanee waraana hedduumminaan bobbaasuun dhiphina keessa galee jira. Waraanni mootummaa wayyaanees guutummaan rasaasa dhukaasuun diddaa dura dhaabbachaa jira. Mootummaan wayyaanee barattoota ajjeesaa, rasaasaan rukkutaa fi hidhaa as gahe itti fufuun gara jabinaan raawwachuu irraa diddaan jabaatee itti fufee jira. Ilmaan Oromoo martis waamicha keenya akka nuu dhageessan jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Gonder dhaammatee jira.

Leave a comment