Wayyaaneen EPRDF Waraana Isaa Irraa Amantaa Dhabuun Caasaa Haaraa Ijaaraa Jiraachuun Gabaafame.

Onkoloolessa 11,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee waraana isaa irraa amantamummaa dhabeen caasaa waraanaa haaraa hojii dhabdootaa fi dargaggoota Habashaa amanamtoota tahan baajata hedduu ramadee ijaaruuf karoorfatuun isaa saaxilame

Mootummaan EPRDF Wayyaanee keessi isaa erga burkutaa’uu eegalee bubbulee jira. Haalli kun daran jabaachuun waraanaa fi amanamtoota Wayyaanee yeroo dheeraa hammachaa dhufe. Waraana mootummaan wayyaanee ittiin uummata miidhaa ture hammachaa dhufuun mootummaa wayyaanee hedduu yaaddessaa jira.
Mootummaan Wayyaanees kana dura dhaabbachuuf caasaa waraanaa haaraa dhalootaan habashaa tahanii fi dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkatan mallaqaan gowwoomsee ijaaruuf baajata hedduu ramaduun karoorfatee jira. Ilmaan Oromoo waraana mootummaa Wayyaanee keessatti argamtan shira diinaa kana dura aanuuf hojiin hangaftummaan hojjechuun isin barbaachisu jaarmaya keessan jabeeffachuu dha. Qeerroon shira mootummaan wayyaanee wixinu hanga dhumaa dura dhaabbachuuf wareegama kamuu akka kaffalu addeessa.
Ilmaan Oromoo martis shira diinaa waanjoo garbummaa bara baraan fe’uuf Wayyaaneen qopheeffate dura akka dhaabbattan qeerroon waamicha dabarsa.

1 thought on “Wayyaaneen EPRDF Waraana Isaa Irraa Amantaa Dhabuun Caasaa Haaraa Ijaaraa Jiraachuun Gabaafame.

  1. ani gaaffii tokkon qaba,inniis mal yoo jettaan nuuti oromoon biyyaa keessaa jiraan Oromiyaa bilisomsuuf akka qabsaa’un nurraa jiruu ni beknaa anii qabsaa’uf qophaayen jiraa garuu rakkiin jiruu wantaa karaa hin bekneef homaa gochuu hin dandeenye yoo karaa bektaan WBO tii naa daabala rabbii jedhaati. Galaatoma injifaanon kan ummaa Oromoo fi Kan Oromiyaa haa ta’u/ABO+WBO+OLF!!!!!

Leave a comment