Atileetiin Oromoo Beekamaan Biyya Ingilizii Keessatti Fiigicha Mo’atee Alaabaa ABO Balaliisuun Eenyummaa Oromoo Beeksise.

Adoolessa 14,2013

atileetii OromooIlamaan Oromoo bakka jiranitti diddaa gabrummaa agarsiisuu qabsoo wal irraa hin cintne gaggeessaa jiraachuun beekamaa dha. Qeerroon Bilisummaa biyya keessatti,Dargaggootii fi hawaasi Oromoo biyya alaa irraan faajjii fi alaabaa Oromoo ol qabanii aduunyaatti beeksisuu fi diddaa farra Wayyaanee gaggeessuu irratti qooda ol-aanaa taphataa jiru.

Gaafa Adoolessa 14, 2013 Qophii fiigichoo magaalaa leeds,  Biyya UK, ‘’Run For All Leeds 10 kilometers, Jedhamee beekamu irratti Atleetni Oromoo Beekamaan maqaan isaa Guddinaa Dabalee jedhamu mo’atee seenaa atileeti kessatti yeroo jalqabaaf alaabaa ABO ol kaasudhaan gammachuu isaa ibsatee jira.

Akkasumaas Atleet  Guddinaan ilmaan Oromootaan baga gammaddani qabsoo fi kaayyootti jabaadha jechuun dhaamsa isaa dabasee jiraachuu gabaasaan Londonii irraa nu gahe addeessa.

 

atleta oro20130714_101623_3[1]

9 thoughts on “Atileetiin Oromoo Beekamaan Biyya Ingilizii Keessatti Fiigicha Mo’atee Alaabaa ABO Balaliisuun Eenyummaa Oromoo Beeksise.

  1. Yaarabbi galanni kheeti khan gootota oromoo nuuf heddummeeysite ! Atiis yaa goota goototaa nuuf guddadhu!

    • Haye Guddina Dabalee mo’ichi ammalle dabale daddabalee siif hata’u ammalle kana caalaa sabboonumman kee saba OROMOO gamachiisu qaba. Kanarra milkomina sifan hawwa

  2. Atileetiin Oromoo Guddinaa Dabalee seenaa Atileetotni Oromoo dalaganii hinbeekne dalaguun isaa sabboontota Oromoo gammachiisee diinoota Oromoo gaddisiiseera. Umurii nuuf dheeradhuu naa jedhaanii. Atileetota Oromoo warra erga gaafa fiigicha eegalaniitii Alaabaa habashaa baatanii fiigaa jiraniin immoo dhiiga Oromummaatu isiin keessaa badee moo lilmeedhaan dhiiga habashaa waraannatani??Jedhaa nuuf gaafadhaa!!! Atilet Guddinaa Dabalee immoo mo’ichi barabaraa rabbi biraa isaaf haakennamu jedheen maqaa lammiin isa eebbiseera.

    • MEE BU AAN ISAA MAALLIIDHA ?HIDHAMUU FI GADADAMUU ISAATIIN ALA KANAAAN ALA BIYYARRAA ARIAMUU FI JAALALA MAATII ISAA DHABUUTIIN ALA MAALOO MEEE IJOOLLEE TEENNNA NU JALAAA HIN DOGONGORSINA AA ISIN UMMATNI NYAATAAA FI DHUGAATTIIN ISIN MACHEESSE

Leave a comment