“Oromoon mootummaa ce’umsaa ijaarrachuuf of qopheessuu qaba” jechuun Hayyu Dureen ABO dubbatan.

[SQ Fulbaana 14/2020]
 Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Kello Media irratti guyyaa har’aa (Fulbaana 13/2020) gaaffiifi deebii taasisaniin haala waggoota lamaan darbe ABOfi Qabsoon Bilisummaa Oromoo keessa darbee as ga’e ibsanii haala amma biyyi kun keessa jirtus ibsaniiru.
Tibbuma hogganni ABO gara biyyaatti gale Dr Abiy Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waamee doorsisuu akka yaaleefi ‘waraana Lixa Oromiyaa jiru kana ni rukkunna’ jechuun akka itti dhaadate ibsan. ‘Humna kana (WBO) irratti lola hin baniinaa; lola kana yoo bantan rakkinni kun kan biyya kanaa ta’a’ jechuun Jaal Daawud yaada dhiyeessan dubbataniiru. Haala kanaan utuu jiramuu torban lama utuu hin guutiin lola bananii ammallee lolichi hin dhaabbatiin jira.
Kanumatti aansuun Jaal Daawud haala doorsisa mootummaa kana irratti yaada yommuu kennan, “Yoo barbaachisaa ta’e adda keenyatti rasaasa gadhiisu malee PP’fis ta’e jaarmiyaa kamiifuu harka hin laannu” jechuun gara kuteenya isaanii ibsaniiru.
Gaaffiin Kello Media irraa dhiyaate kan biroo haala bara 1991 fi ammaa irratti kan gaafataman, ” Biyya kana kan seenne uummata keenya waliin wareegama dhufu fudhachuuf malee seennee ba’uuf miti. Ejjennoon kun ammas ittuma fufa. Bara 1991 fi haalli ammaa tokko miti. Nutu wareegama malee haalli darbe sun hin dhufu. Qabsoon Oromoo harka qabsaa’otaafi uummata Oromoo jira. Akka asii baanuuf dhiibbaan godhamaa ture; garuu dinneetuma hojii keenya hojjechaa jirra” jechuu deebisan.

Dhimma filannoo irrattis, “Ammatti waa’een filannoo ajandaa ABOs kan uummata Oromoos miti. ‘Biyyi kun mootummaa akkamii qabaattii?’ kan jedhudha yaaddoon. Yeroo uummanni keenya akka bineensaatti ilaalamaa jirutti, yeroo paartileen biyya bulchan diigamaa jiranitti, yeroo saboonni biyya kanaa haala yaaddessaa keessa jiranitti, yeroo dhaabbileen dimokiraasii hojiirra hin jirre kanatti waa’ee filannoo yaaduun maraatummaadha” jedhan.
Uummata Oromoof dhaamsa dabarsaniin, “Oromoon rakkinasaa furatee nagaan jiraachuudhaaf mootummaa ce’umsaa ijaarrachuuf akka socho’u waamicha goona; Oromoon akka namaatti mootummaa kana tajaajilee nagaan jiraachuu dadhabe. Oromoofi Itoophiyaa gidduu lolatu ture ammas jira. Oromoon rakkoo kana hundeerraa furachuuf of qopheessuu qaba; Yoo mariin jiraate haala itti mariitti seennu, yoo lola ta’es haala itti of baraarru irratti qophaa’uu qabna” jedhaniiru.

1 thought on ““Oromoon mootummaa ce’umsaa ijaarrachuuf of qopheessuu qaba” jechuun Hayyu Dureen ABO dubbatan.

  1. Waan bareedaadha jechi H/D keenya kaasani. Garuu uummanni garuma gaggeessaan isaa ilaalee fi ajaje raawwata waan ta’eef, Yaadni Oromoon mootummaa ce’umsaa itti hundeefachuu danda’u osoo haala kamiin isa jedhuuf karaa miidiyaa ykn dhaabaa uummataaf hubachiifni kennamee yaada kiyya. Jechuun, humnaan mootummaa ce’umsaa ijaaramo? Filannoon mootummaa ce’umsaa ijaara? Yoo humnaan ta’e uummatni hidhatee jiraahoo kan jedhu gaaffiidha anaaf, yoo filannoon ta’e mootummaa isa kamtu jiraayyuu filannoo gaggeessee mootummaa ce’umsaa akka ijaaramu godha? Kabiraan Fulbaana 30 booda mootummaan seerri qabeessi hin jiruu jedhamaa jira, kanaafuu uummanni maal akka godhuu qabu osoo karaa asiinii ykn karaa miidaayaalee ibsi uummataaf kennamee gaariin se’a. Fulbaana 30 booda Abiyyitu beekee bu’amoo, uummatatu bu’i jedhee gaafatamo, paartii siyaasaatu gaafatamoo seera Itiyoophiyaatu/addunyaatu gaafatee mootummaa seera qabeessa taasisaa kan jedhu osoo uummataaf ifa ta’ee uummanni guyyaa sana booda murtoo mataasaa fudhata jedheen yaada. Galatoomaa.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s