Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 13/2020
Finfinnee,Oromiyaa
Ummatni Oromoo erga bittaa alagaa jalatti kufee waggootni 150 ol lakkaayamanis ammas Bilisummaa mataa isaa fi biyya walaba taate hin ijaarratiin gabrummaa Sirnaa jalatti kufee jira.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo durfamu jalatti ummatni Oromoo bal’aan gabrummaa fi roorroo irra gahu of irraa qolachuuf erga qabsoo eegalee waggootni hedduun bu’aa bahii wal xaxaa keessa lufaa qabsaa’otni qabsoo sabaa gaggeessan nuffii fi dadhabbii tokko malee Qabsoo Bilisummaa Oromoo asiin gahaniiru.
Ummatni Oromoo dhaaba isaa ABO jalatti kan hiriiree qabsoo gaggeessu hoggansa dhaabichaa ilaalee ykn tiksuuf osoon taane cichoominaa fi obsaan kaayyoo,Seeraa fi heera ABOn taliigamee warra kaayyootti cichu waliin qabsoon Oromoo ABOn durfamu galma gaha kan jedhuun malee warra akka muka baala harcaafatu dhaabicha irraa harca’an waliin hin raafamu.
Dhaaba ABO keessatti yeroo adda addaatti dhaabicha keessatti caccabuu fi foxxoquun Mul’ataa ture gara fuulduraattis warri akeekaa fi kaayyoo jaallanii galmaan gahuuf dandeettii fi gahumsa hin qabne keessaa harca’aa ni deemu kun amaloota qabsoon qabu keessaa isa tokkodha.
Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo garaagaraatti namoota hedduu qabsaa’ota fakkeessee Qarshii guddaa kaffaluun mooraa qabsoo ABO tti akka makamanii odeessaalee dhaabicha saaxilan akka hojjetan gochaa ture ammas itti jira.
Yeroo hedduu dhaaba ABO keessatti Mootummaan namoota qabsaa’ota haqaa tahan balaaleffataa warreen isaaf hojjetan dantaa dhuunfaa bira hin dabarree fi fedhii mataa isaanii dursanitti fayyadamee ABO diiguuf yaaliin godhe cichoomina qabsaa’ota haqaa Irbuu jaallanii kanneen hin nyaanneen ykn gatneen qabsoon Oromoo ABOn durfamu as gahuu dandaheera.
Addi Bilisummaa Oromoo erga karaa nagaa filatee gara biyya isaa Oromiyaa galee waggoota lamaan dabarsine keessatti akka dhaabaatti miseensotni ABO hedduun hidhaatti guuramanii hidhaa yoo jiran gariin kumaatamaan kan lakkaayaman immoo humna waraanaan yoo ajjeefaman akkasumas kumaatamaan qabeenyaan jalaa barbadaa’uu fi saamamuun achi buuteen isaanii dhabamuun wareegama ulfaataa kaffalaa as gahe ammas kaffalaa jira
Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo mootummaan irraan gahuuf karaa seeraa fi heera biyyittiin qabduun akka furamuuf yeroo adda addaatti qaama dhimmi ilaaallatuuf xalayaan beeksisuun rakkoon akka seeraa fi heeraan furamuuf gaafataa ture ammas gaafataa jira. Akkasumas rakkoo keessoo isaatti uumamuuf karaa seeraa fi heera dhaabichaan furataa ture ammas furachuu osoo dandahuu mootummaan Itiyoophiyaa waan isa hin galchine keessa galee rakkoo ABO keessatti Adoolessa 26 fi 27/2020 eegalee uumameef karaa KNT osoo furachaatti jiruu Mootummaan Itiyoophiyaa karaalee Qondaaltota mootummichaa fi miidiyaalee biyyittii kanneen akka FBC, Ethiopian press ageny,EBC fi kanneen biroon olola lakkisuun namoota dhaaba ABO keessatti rakkoo uuman dhaabni karaa seeraa fi heera mataa isaan adabee osoo jiruu ummata giduutti wal shakkii uumuuf afaan faajjii lakkisuun ummata burjaajjessuuf yaaliin Mootummaan godhe tasuma fudhatama kan hin qabnee fi ummatni keenya shira kana gadi jabeessee kan balaaleffatu tahuu hubachiifna.
Namoota mootummaan har’a akka hoggansa dhaabaatti ofitti qabee Ibsa ololaa isaan baasan maxxansuuf miseensotni ABO hundi waggoota lamaan dabarsine kana hunda jala bu’ee hordofuun gochaa isaanii irraa akka deebi’aniif yeroo garaagaraatti gorfamanis iddoo oolan irra warra waliin dhugaa bulan filachuun ifatti diina tahuu labsachuu isaanii erga baree caasaa quunnamtii kamuu irraa ciree jira.
Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo ammaa namoota kaleessa dantaa fi fedhii dhuunfaan ABO keessatti ijaaree dhaabicha akka diiganiif hojjechaa tureetti fayyafamuun olola inni lakkisu ummatni Oromoo bal’aan addatti immoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsinee ni balaaleffanna.
Rakkoo keessoo isaatti uumame ABO akkuma jaarmiyaalee biroo kan gama dhaabichaan furatu malee Mootummaan gidduu galee kan afarsu ykn akka furu nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo hin eeyyamnu.
Hagayya 1/2020 Waajjira ABO muummicha Gullallee jirutti Mootummaan humna waraanaan HD ABO jaal Daawud Ibsaa ugguruun waajjira lakkisanii akka bahan erga godhee as waajjirri ABO Gullallee hanga ammaa humna Waraanaa Mootummaan eegamaa namni akka ol hin seenne dhorkuun hojii guyyaa guyyaa ABO waajjira isaa Gullalleetti gaggeessuuf danqaa uumeera. Dhimma kana ilaalchisuun ABO karaa heeraa fi seeraa biyyittiin qabduun furachuuf rakkoo mootummaa Itiyoophiyaa irraan gahaa jiruuf Hagayya 10/2020 xalayaa barreessuun Boordii Filannoo Biyyoolessaaf dhiibbaa Mootummaan narraan gahee jira jedhu eeruun akka furmaata kennuuf gaafatee ture. Boordiin Filannoo Biyyoolessaas dhimma ABO mootummaa Itiyoophiyaa himate ilaalchisee Hagayya 31/2020 xalayaa barreesseen komishinii Poolisii Finfinnee fi komishinii Poolisii Naannoo Oromiyaa akka hatattamaan deebii kennu gaafatee turus hanga ammaatti deebii komishinii Poolisii Finfinnee fi komishinii Poolisii Naannoo Oromiyaa kennan hin jiru.
ABOn rakkoo yeroo irraa gara yerootti Mootummaan isarra gahuufis tahu biyyittiin itti jirtu ilaalchisee akka karaa nagaa fi mariin siyaasaan furamuu dandahu ni amana kana Irrattis yeroo hedduu mootummaa Itiyoophiyaaf addatti immoo bulchinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaaf waamicha irra deddeebii godhuun ni yaadatama.
Mootummaan Itiyoophiyaa ABO fi KFO dhabamsiisee paartiilee abashaa sirna nafxanyootaa leellisan waliin wal tahuun Ummata Oromoo jumulaan ajjeesuu,Hidhuu,qabeenyaa saamuu fi jalaa barbadeessuun jilbeeffachiisuuf waggoota lamaan kana haalaan raawwataa jira.
Nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo gochaa Mootummaan Itiyoophiyaa Dhaaba keenya ABO irratti raawwataa jiru hatattamaan dhaabuun rakkoo mootummaa fi dhaaba gidduu jiru karaa seeraa fi heeraan walii galteen akka furatan yoo gaafannu kanneen dhaaba keessoo isaatti rakkoo uumaniifis dhaabni ABO karaa heeraa fi seera ABO kan furatu malee dhiibbaa Mootummaan hoggansi jijjiiramus tahe rakkoon furamu akka hin jiraanne jabeessinee hubachiisna.
Haala Yeroo ammaa Mootummaan Itiyoophiyaa ABO fi KFO irratti walumaa gala Ummata Oromoo bal’aa irratti raawwataa jiru ilaalchisee Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo maraaf waamicha dhiyyeessina.
1, Miseensota ABO maraaf: dhaabni keenyi ABO rakkoo wal xaxaa kamuu keessa taree kan as gahe har’as namoota dantaa fi fedhii dhuunfaaf qabsoo sabaa gara dabarsuuf mootummaa waliin dalagaa jiran kamuu waliin hariiroo akka hin qabaannee fi akka addaan kuttan akkuma hoggansi ABO hagayya 11/2020 Miseensota SHG-GS nama shanii fi miseensa GS tokko adabe guutummaatti hojiirra oolchaa akka jirtan ammas namootni quunnamtii qabdan yoo jiraattan Irbuu jaallan wareegamaniif jettanii kaayyoo fi akeeka dhaabaaf kan bultanii fi bitamtan yoo tahe akka hojiirra oolchitan isin hubachiisna.
2, Miseensota Poolisii RIB,Poolisii Oromiyaa, Poolisii Federaalaa fi humna Addaa Oromiyaa keessa jirtaniif: Isin gibira ummatni kaffaluun miindaan isiniif akka kaffalamu hubattanii murna mootummaa maafiyaaf osoo hin taane gurmuu hawaasaaf abboomamtanii gochaa farra badii Mootummaan abbaa Irree isinitti kennee raawwadhaa jedhu dura dhaabbachuun ammaan booda yerootti ummata keessanitti dhukaastan osoo hin taane ummata keessan cinaa gortanii sirna nafxanyootaa balaaleffattan amma tahuu hubattanii akka qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessu cinaa hiriirtan waamicha keenya isiniif dhiyyeessina. Mootummaa cinaa gortanii Obbolaa keessanitti hin dhukaasiinaa.
3, Daldaltootaa fi Abbootii Qabeenyaa Oromoo fi lammiilee Oromiyaa keessa jiraatan maraaf: Abbootii Qabeenyaa Oromoo fi Oromiyaa keesa jirtan yeroo kamuu caalaa mootummaa Isin jalatti ilmaan keessan ajjeesu, hidhuu fi gudeedu deeggaruu dhiistanii qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessu cinaa hiriiruun akkuma armaan dura gochaa turtan deeggarsa hunda akka gootan Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha isiniif dhiyyeessa.
Yoo Abbootiin Qabeenyaa ammaan qabsoo sabni Oromoo gaggeessu addatti immoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessu cinaa hin dhaabbanne mootummaan abbaa irree Abiyyii Ahimediin durfamu akkuma Abbaa Qabeenyaa Oromoo Obbo Dinquu Dayyaasaa irratti raawwachaa jiruu fi raawwate isin irratti godhee Oromiyaa keessatti Abashootanni qofaan akka daldalatan gochuuf waan jiruuf ammaan akka dura dhaabbattan qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessu diinagdeenis tahe yaadaan akka utubdan waamicha dabarsanna
Daldaltootni Oromoo fi Oromiyaa keessa jirtan immoo dhiyyeessii midhaaniis tahe fuduraa fi kuduraa gara Finfinneettis tahe kallattii biroon Oromiyaa alatti gurgurtan waamicha Qeerroon isiniif godhu kana hubachuun akka magaalota Oromiyaa keessatti qofa daldalattan waamicha isiniif goona.
4, Qonnaan Bultoota Oromoo fi Oromiyaa keessa jiraniif: Qonnaan Bultootni keenya ammaan booda qabeenyaa keessan ykn dhiyyeessii keessan yoo rakkoo hamtuu taateen ala kanneen akka midhaan dheedhii akka gabaa baastanii hin gurgurreef waamicha isiniif goona
Kanneen akka fuduraa fi muduraas Magaalota Oromiyaa keessatti qofa akka daldalattan isin hubachiisna.
5, Barattoota Oromoo sadarkaa Hundarra jirtan maraaf: Barattootni Oromoo akkuma qabsoo keessatti shoora olaanaa bahaa ture ammas bahachaa jiru yeroon kun ummata Oromoo Oromiyaa keessa jiruuf yerootti jiraachuu fi dhabamuu waan taheef akka Dhaaba keessan ABO irratti shira mootummaan dalagu balaaleffachuu fi dhaaba ABO tikfachuuf kan yeroo kamii caalaa qophii taatanii akka qabsoo hadhooftuuf of qopheessitan waamicha isiniif dhiyyeessina.
6, Barsiisota Manneen Barnootaa hunda keessatti tajaajila baruu fi barsiisuu gaggeessaa jirtaniif: Barsiisotni Oromoo qabsoo Oromoo keessatti sochii barattootni Oromoo gaggeessan cinaa hiriiruun shoorri isin bahachaa turtan akkuma olaanaa tahe ammas akkasumaan itti fuftanii barattoota akka qabsoo fuulduraaf akeektan waamicha isiniif dhiyyeessina.
7, Ogeessota Fayyaa,Ogeessota Seeraa fi Qaamotni biroon kamuu qabsoo Ummatni Oromoo gaggeessu cinaa karaa ogummaa keessaniif kallattii isiniif mijatu hundaan akka qabsoo qabsaa’otni ummatni Oromoo addatti immoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessu cinaa akka dhaabbattan waamicha isiniif dhiyyeessina.
8, Ummata Oromoo Biyya alaa jirtan maraaf: Ummatni keenya Biyya keessaa ajjeefamaa ,hidhamaa fi qabeenyaan saamamaa jiruuf akkuma ammaan tana sagalee tahuun Addunyaatti mul’isaa jirtan ammas akka jabeessitanii sirna cunqursaa Abbaa Irree mootummaan Abiyyii Ahimed balaaleffattanii fi saba keenya Oromiyaa keessatti miidhamu cinaa dhaabbachuun akkuma armaan duraa diinagdeen akka utubdan waamicha isiniif goona.
Walumaagala Mootummaan sirna nafxanyaa leellisu kan Abiyyii Ahimediin hoogganamu gochaa badii dhaabota Oromoo ABO fi KFO irratti qiyyaafatee hojjetaa jiruu fi murnoota muraasa qarshii guddaa kaffaluun olola Miseensota dhaabaa keessatti facaasan tumsuu akka dhaabuu fi namootni kunneenis gochaa kana irraa hatattamaan akka dhaabbatan waamicha keenya dhiyyeessinaaf.
Hoggantootaa fi miseensota ABO akkasumas Namoota manni murtii mirga wabiin akka lakkifaman ajaje namoota dhaaba ABO keessatti shira xaxaniin humni tikaa wal tahee akka hidhaa jiru bira geenyee waan jirruuf nagaa biyya kanaaf kan yaadu yoo tahe mootummaan hatattamaan namoota manni murtii mirga wabii eegeef hiikuu akka qabu gadi jabeessinee gaafanna.
Mootummaan Abiyyii Ahimediin durfamu gaaga’ama amma Oromiyaa keessatti uumamaa jiruu fi gara fuulduraattis uumamuuf jedhuuf badiin mootummaa kana tahuu hubatee akka saffisaan rakkoo dhalachuu maluuf Hoggantootaa fi Miseensota siyaasaa ABO fi KFO haalduree tokko malee hiikee Hoggantoota dhaabichaa HD ABO jaal Daawud Ibsaa fi Prof, Maraaraa Guddinaa dabalatee kanneen hidhaa jiran gadi baasee waliin taa’ee mariiyachuu akka qabu jabeessinee akeekkachiifna.
Ummatni Oromoo addatti immoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo yakka mootummaan Itiyoophiyaa dhaabota ABO fi KFO irratti dalagaa jiru dura dhaabbachuuf kan yeroo kamuu caalaa mootummaan gadi taa’ee akka mariyatuuf dhiibbaa barbaachisu gochuu qabdu.
Miseensotni ABO biyya keessaa fi alaa jirtan olola mootummaan miidiyaa isaan facaasaa jiruu fi miidiyaalee hawaasaan gareen Hayyalaallattootaa facaasaa jiraniif yeroo deebii itti kennitan osoon taane dhaaba keessan ABO cinaa dhaabbachuun HD ABO jaal Daawud Ibsaa durfamu cichoominaan bira dhaabbachuun dhaabicha badinsa irraa tiksuun dirqama dhalootaa tahuu isin hubachiisna.
Mootummaan Itiyoophiyaa kan Abiyyii Ahimediin durfamu rakkoo siyaasaa mudateef siyaasaan furuuf yoo eeyyamamoo hintaane warraaqsa guutuu Oromiyaa keessatti dhohuuf itti gaafatamaan mootummaa sirna nafxanyootaa leellisu Abiyyii Ahimed tahuu ummata keenya bal’aafis tahe sabaa fi sablammoota Oromiyaa keessa jiraataniif himuu feena.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 13/2020 Finfinnee, Oromiyaa

<img class="j1lvzwm4" src="data:;base64, ” width=”18″ height=”18″ />