QEERROO: Jarmaya Sirnaan Caaseffame moo Sochii akka Tasaa Dhohe?

Hagayya 21, 2020, MOOSISAA AAGAA tiin

Qeerroon jarmaya gurmaawaadha, garuu Jawaar Mohaammad jalatti miti.

*Barreeffama jalqaba Ingliffaan “Ethiopia Insight” irratti Hagayya 21, 2020 maxxanfamee tureerra gara Afaan Oromootti kan hiikame.

**Lakkoofsi barru kana keessatti tuqaman hundi akka lakkoofsa adduunyaatti (ALA) dha.

Jechi Qeerroo jedhu kan dirree siyaasaa Oromootti as bahe jarmayaan dargaggoota/dardarran Oromoo maqaa “Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO)”, gabaabaatti “Qeerroo” jedhuun Ebla 2011-tti gurmaawuun sirnaan erga hundeeffamee asi dha.  Akkuma uumameen, Qeerroon marsarariitii (website) isaa kan jalqaba banachuun labsii hundeeffamaa (manifesto) isaas erga ifa taasisee booda finciloota walirraa hin cinne dhaabbilee barnootaa ol-aanoo keessatti qindeesse. Achirraa jalqabee fincilli barattoota Oromoo QBOtiin geggeeffamu utuu walirraa hin citiin takka ho’aa, takka qabbanaa’aa erga itti fufee booda finciloonni jajjaboo fi guutuu Oromiyaa waliin gahanii walitti fufiinsaan bara 2014 fi 2015 geggeeffaman ol-aantummaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) buqqisuu danda’eera. 

Kaayyoon barruu kanaa haala hundeeffamaa fi sochii Qeerroo ibsuu fi dhimma Qeerroo irratti hubannoolee dogoggoroo bal’inaan faca’aa turan tokko-tokko sirreessuu dha. Keessattuu ta’u-malaa dogoggoraa bal’inaan faca’ee jiru kan “Qeerroon sochii akka-tasaa (spontaneous), kan caasaa hin qabne dha” jdhu sirreessuu dha. Kana malees, rogeessa (activist) duraanii fi yeroo ammaa hidhamaa siyaasaa kan ta’e Jawar Mahaammad sochii Qeerroo keessatti qoodaa inni qabu ibsuu dha.

 Ani barreessaan barruu kanaa, bara 2009 irraa eegalee Sochii Barattoota Oromoo (SBO) fi finciloota Qeerroo marsariitii  hedduurratti, keessattuu marsariitii Gadaa.com irratti yoo xiqqaate barruu saddeet maqaa masootiin (alias name) maxxansaa tureera.  Sadaasa 12, 2009 waa’ee mormii bal’aa bara 2005;  Sadaasa 11, 2010 waa’ee finciloota bara 2006 fi 2010 gidduutti geggeeffamanii; Sadaasa 19, 2011 cuunfaa tartiiba taateewwan fincila barattoota Oromoo kan Sadaasa 2010 hanga Sadaasa 2011 qindeessee gabaaseera. Akkasumas Sadaasa 7, 2014 cuunfaa babal’na Sochii Qeerroo kan Sadaasa 2013 hanga Sadaasa 2014 maxxanseera. Barruulee koo kanneen hafan ceesistuu (link) kanaan argachuu dandeessu.

Kana malees konfaransii lama irratti waa’ee Qeerroo qorannoo dhiheesseera: Konfaransii OSA kan wagga-waggaa (annual) kan bara 2019 irratti Lammii Beenyaa bakka koo bu’ee dhiheessee fi Sympooziyeemii Imaammata ABO magaalaa Finfinneetti Fulbaana 17, 2018 geggeeffame irratti dhiheesseera.

Qorannoowwan dhiyeessuu bira dabree Sochii Qeerroo tumsuu keessattillee dhuunfaadhaan hirmaataan ture. Qophii hundeeffamaa Qeerroof bara 2011 taasifamaa ture, moggaasa maqaa “Qeerroo” jedhu dabalatee itti dhiheenyaan quban qaba. Hundeeffama boodas sochii Qeerroon taasisaa ture walitti fufiinsaan quba qabaachifamaan ture. Dabalataanis ibsoota maqaa dhaaba kanaatiin bahan jala bu’ee hanga har’aatti afaan Ingiliffaatti hiikaan ture.

 Armaan olitti tumsan Qeerroof gochaa ture kanan eereef, of dhaadhessuuf utuu hin tahiin, waa’ee Qeerroo gadi fageenyaan akkan beekuu fi maddaa fi ragaalee qabatamoo qabadhee akkan barreessaa jiru dubbiftoonni akka amantaa horataniif jedheeni. Kanarratti ergan kana jedhee booda, seenaa hundeeffama Qeerroo hanga hubannoo kootii akka armaan gadiittan dhiheessa. Xiyyeeffannoon koo dhimmootan armaan olitti tuttuqe duwwaarratti akka ta’uuf jecha, barruu kana keessatti qabxiilee uumamaa fi sochii Qeerroo irratti rarra’an suduudaan walqabatan duwwaan xiinxala.

Barruu kana keessatti, keessaa-baafamee yoo ibsameen alatti, jechi “Qeerroo” jedhu jaarmaya “Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO)” jechuudha. Jecha “qeerroo” jedhutti yammuu dhimmi bahamu (qubeen “q” yoo xiqqaa tahe) nama dhuunfaa Oromoo dardara tahe jechuu dha. Kan Jechi QBO jedhu kunis jaarmaalee fakkeessuudhaaf maqaa Qeerroo jedhu fannifatanii nama burjaajessuuf bibixxilaman adda baasuuf gargaara.

Madda Hundeeffama Qeerroo

Bu’uura jaarmaa Qeerroo ibsuuf jalqaba akka ta’utti, barreeffama kiyya bara 2011 keessatti Sochiin Barattoota Oromoo fooyya’uun jijjiirama amalaa (qualitative change) argamsiisuudhaan, jaarmaa diddaa hawaasaa qindeessu maqaan isaa “Qeerroo” jedhamutti tarkaanfachuu ibseen ture. Dhimma kanarratti kanan barreesse keessaa kan qunxuramee fudhatame akka armaan gadiiti.   

“Ebla 2011, Sochiin Barattoota Oromiyaa jijjiirama guddaa fide. Kun ammoo sochii dargaggoota Arabaa (Arab Spring) akka ka’umsaatti fakkeenya godhachuun, dargaggoonni Oromiyaa biyyoolessaa walitti dhufuun ijaarsa diddaa hawaasaa ”Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa, Bilisummaa fi Dimookraasiif”, gabaabaatti yammuu himamu Qeerroo jedhamu qindeessan. Jechi “Qeerroo” jedhu hiikkaan isaa dargaggeessa hin fuudhiin jechuudha.”

Barruun kun kan maxxanfame Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ebla 2011 sirnaan hundeeffamee baatii ja’aa booda. Maqaa Qeerrootiin yeroo san duratti jarmayni biraa hin turre. Maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromootiin san duras tahe achiin boodas jaarmayni mooggaafame hin jiru. Qeerroon Bilisummaa Oromoo jaarmaya sochii hawaasaa kan qabsoo diddaa farra roorroo abbaa irree TPLF’n hoogganamu kan barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo barootaaf, addatti ammoo bara 1990’oota asitti taasisaa turan irraa kan dhalate dha.

Qorattoonni, dhaabbileen mirga namoomaa kanneen akka: ‘Amnesty International (AI)’ , ‘Human Right Watch (HRW)’, ‘Oromia Support Group (OSG)’ fi ‘Human Right League of the Horn of Africa (HRLHA)’ fi kanneen biroo dhimma Sochii Barattoota Oromoo dhiibbaa mootummaan geessisuun wal qabsiisanii gabaasaa turaniiru. Hiriirota mormii walitti fufiinsaan geggeeffamaa turan keessaa kanneen baayyee yaadataman hangi tokko: gubachuu bosona Baalee fi Boorana keessaa, teessoon mootummaa Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamaatti godaansifamuu fi cufamuu Waldaa Maccaa fi Tuulamaa (WMT)  mormuun kan bara 2002 – 2005 geggeeffamaa turani dha.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s