[SQ, amajji 18,2018] Uummata Oromoo miliyoona tokkoo ol buqqaasuun Wayyaanee akkasuma uummanni lafaaf qabeenyasaa akkasuma wabii lubbuun jireenyaa dhabe, miskiinonni ilmaan Oromoo manni irratti gubatee qe’ee isaa gatee jiru deggarsa humaatuu kan hinqabneef uummataasaan ala mootummaa gargaaru dhabuussaarran kan ka’e, wal gargaarsaaf Baalee araddaa Bidiree jedhamtuu irraa uummanni 150 ta’u gargaarsa uummataaf utuu deemaa jiranii Waraanni Wayyaanee karaatti qabuun fuuldurattis duubattis deebisuu dhorkuusaa sagalee qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaafame.
Uummanni akka wal hingargaarre gochuun uummata keenya beelaan fixuuf akka jirtus hojiin Waraanni Wayyaanee kaleessa dalage kan saaxilu ta’uun gabaafame.