Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaamuu Keessatti Dhumaatii Calanqootti Lammii Oromoo Irra Gahe Mormuun FXG Gaggeefamaa Oole.

Image may contain: outdoorMudde 22/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shambuutti Sochiin Warraaqsa FXG yakka waraana duula duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo Harargee Bahaa Calanqoo, Harargee Lixaa Hawwii Guddinaafi Oromiyaa bakkoota garaagaraa irratti waraanni Agaazii Wayyaaneefi loltootni liyuhayilii Somaalee gaggeessa jiran balaleffachuufi gaddaa guddaa ilmaan Oromoo wareegamaniif qaban ibsachuun hiriira mormii guddaa gaggeessan. Mootummaa abbaa irreetti xummura gochuufis qabsoo bilisummaa Oromoo roga hundaan itti fufinsaan jabeessuun diina dura dhaabbachuun furmaata keessa deebii hin qabne ta’uu qeerroon dhaamsa dabarsan.

Image may contain: one or more people, people standing, crowd and outdoor

Leave a comment