Mudde 15/2017 Gabaasa dabalaataa Sochii Warraaqsa FXG Magaalaa Naqemtee keessatti gaggeefamaa jira, kaleessaarra eegalee magaalaan Naqamtee muddama hamaa keessa seentee kan jirtu ta’uunis barameera.
-Yakka waraanaa ilmaan Oromoo Harargee Calanqoo irratti rawwatameef gadda guddaa ibsatan.
-Dhaadannoowaan ajjeechaan, hidhaan uummata Oromoo irraa haa dhaabbatu
– waraanni agaazii Oromiyaa gadhiisee haa bahu.
– mootummaan wayyaanee TPLF/EPRDF aangoo irraa bu’uu qaba
-lolli daangaa irraan waraana Liyuu hayilii somaaleefi agaaziin Uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiru dhaabbachuu qaba.
-hidhamtootni siyaasaa Oromoo hundii hiikamuu qabu,
-ajjeechaan hidhaafi hiraarsi waraana qabsoo bilisummaaf goonu irraa nu hin dhaabu!