Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti barattoota Oromoo irratti dararaa jajjabaan ga’aa turuu isaa gabaasaa turreerra. Dararaan barattoota ittuu jabaatee itti fufee kan jiru ta’uu gabaasni arganne ifa godha.
Barattoota Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf hidhuun dararuun fuulleffatamee akka jiru barattoonni dubbatan. Haaluma kanaan barattoota seeraa 3 fi barattoota saayinsii komputeraa baratan akkasuma muummeewwan garaagaraa irraa Oromoo waan ta’aniif qofa guyyaa har’aa ukkanfamuun magaalaa Jimmaa mana hidhaa “Mentiinaa” jedhamu keessatti dararamaa jiraachuu gabaafame.
Barattoonni 10 kunneen mooraa guddaa main campus irraa kan qabaman yoo ta’u, moorichi maqaa barattoota 15 akka koree naamusaatti dhiyaataniif beeksisa marsaa sadaffaa erga baaseen booda, warri 10 kunis badii silaa hinqabnu jechuun beeksisa mooraa hordofani kan dhaqaniif beksisichi gara hidhaatti jijjiramuun mana hidhaatti darbatamu isaanii gabaafame
[SQ,Muddee 06/2017] Gama biraan Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessootti Guyyaa Har’aa Humni Waraana Makalaakayaa Ummata Soomalee Ajjabee Fiduudhaan Magaalaa Mi’eessootti akka humnaan Jimaa bitatan taasisuun Ummata Nagayaan dalagachaa jirurratti Rasaasa banuudhaan Reebicha Dargaggootaa fi Hawaasa irratti taasiseera.
Kanaaf, Humni Raayyaa ittisa Biyyaa Makalaakayaan yeroo ammaa kana Nageenya buusuu osoo hin taane Nageenya booressaa waan jiruuf dhimmi kun gadi fageenyaan qaama dhimmi ilaallatu waliin akka laalamu dhaamsa gama keenyaan dabarsina. Nageenya moo Jimaatu Dursa?


Pingback: Jimma Yuunibarsiitii Keessatti Barattoonni Nagaan 10 Sababa Oromoo Ta’an Qofaaf Ukkanfaman. – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA