Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee yeroo ammaa waraana isaa jumlaadhaan gara Oromiyaatti guuraa akka jiru himame.

Sadaasa 23,2017/Murni afaan qawweetti amanuun biyya bulchaa jiru sirni Wayyaanee FXG akka abidda saafaatti belbelaa jiru dhaamsuu waan dadhabeef murtiisaa xumuraa keessa galuudhaan bifa haaraatiin waraana agaazii guutummaa yuunversiitii golee oromiyaa fi dhaabbiilee barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa kanneen jiranitti ol seensisuudhaan barattoota nagaa dhorkaa akka jiru hubatamee jira.Gochi diinummaa kunis tooftaa kaleessa maqaa komaandi poostii jedhamuun uummata Oromoorratti k

an raawwatamaa turettu mataa milikffaachuun uummata oromoo ittiin lafarraa fixuuf kan akeekamee achii as ba’eedha.Waraanni agaazii kun Yoo xiqqaate torban kana keessa duwwaa goleewwan oromiyaa keessaa kanneen akka Amboo,Arsii,Naqamtee,Gimbii ,Adaamaa,Harammaayya­a,Baalee Roobee,Harargee, fi goleewwan Oromiyaa hafan dabalatee guutummaa yuunversiitii oromiyaa cufa keessa dhoksaadhaan qubsiifama akka jiran himamee jira.

Addattimmoo waraanni agaazii kun Yuunversiitii Amboo fi Yuunversiitii wallaggaa keessa dhuunffachuudhaan barattoota bahaaf gala dhorkaa akka jirutu addeeffame.
Gootowwan barattoonni oromoos hanga gaaffiin mirga Abbaa biyyummaa keenyaaf gaafanne nuuf deebi’utti hin barannu,akkasumas hanga waraanni wayyaanee jumlaan nurra qubsiifamee jiru nurraa hin baanetti barnoota hin barannu jechuun tokkummaadhaan sirna wayyaanee waliin kokkee wal qabaa jiru.

Leave a comment