Jaarmiyaa “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa” irraa
Jaarmiyaan “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa” siyaasaa fi bu’aa irraa walaba ta’ee magaalaa guddoo biyya Amerikaa kan taate “Washington DC” keessatti seeraan hundaa’uun isaa ni yaadatama. Hundeen ijoo hundeefamuu jaarmayaa kanaa sochii Qeerroon Bilisummaa karaa nagaa taasisaa jiru hawaasni Oromoo tumsa barbaachisu akka taasisu qindeessuu fi deeggarsa kennuu dha.
Sochii Qeerroon Bilisummaa hanga yoonaa taasiseen injifannoowwan gurguddoon argamaniiru. Sochiin yeroo ammaa Onkoloolessa 11, 2017 irraa eegalee fininaa jirus itti fufinsa sochiin qeerroon bilisummaa taasisaa ture dha. Qabsoon gaggeefamaa jirus hanga bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti akka ta’e yerooti gara yerootti abbaan sochii kanaa Qeerroo Bilisummaan beeksisaa turaniiru. Sochiin kun galma isaa akka ga’uu fi ummata keenya sochii kana keessatti miidhaman gargaaruun yomiyyuu caalaa barbaachisaa dha.
Haaluma kanaan hawaasni Oromoo biyya ambaa jirtan marri akkuma kanaan dura akka nu wajjin dhaabbatanii ummata keenya nuuf jecha wareegama guddaa kaffalaa jiru akka gargaartan kabajaan isini gaafacha warra biyya ambaa taa’anii sochii qeerroo xiqqeesuu fi wareegama qeerroon kaffalaa jirutti qoosaa jiran gama hundaan akka dura dhaabbattan isin hubachiifna.
Boordii Tumsa Qeerroo Idil-Addunyaa
P.O.Box: 55244 Phone Number: 240-270-2515 or
Washington, DC 20044 240-203-8481
E-mail: Qeerroo202@gmail.com
Pingback: Jaarmiyaan Deggersa Qeerroo Idil-Adduunyaa Ummata Oromoo Biyya Alaa Jiraataniif Waamicha Taasise. – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA