Godina Lixa Shaggar Ona Adaa’aa Bargaafi Meettaa Roobii Keessatti Ummanni Ayyaana Irreechaa Har’aa Alaabaa ABO fi Wallee Warraaqsaa Midhagasaa Jiru.

Image may contain: one or more people, sky, crowd and outdoorOnko…8/2017 #Irreecha_Malkaa_Birrattee Godina Lixa Shaggar Ona Adaa’aa Bargaafi Meettaa Roobii Irraa uummatni Oromoofi Qeerroon Dargaggootni Oromoo walitti dhufuun Mogoor Malkaa Birratteetti Ayyaanni Irreechaa bifa ho’aa ta’een kabajame. Uummatni Oromoofi Qeerroon dargaggootni Oromoo Kumootaan Lakkaawwaman Walitti dhufuun Image may contain: one or more people and people standingAadaa, duudhaa, eenyummaa, Oromummaa, Tokkummaafi Saboonummaa isaanii ibsachuun Nagaa, Bilisummaafi walabummaa isaaf kan falmataa jiru ta’uu ibsuun faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo Alaabaa ABO kan lafeefi dhiiga gootota Oromoon sararamte olqabuun mirmisaa jaalaalafi kabaja Alaabaa ABOfi ABOf qabu sodaa tokko malee ifatti calaqisiisee jira.Gabaasaa dabalataan walitti deebina. Ayyaana Milkii!!

Bifuma wal fakkaatuun Ayyaannii Irreechaa Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Sabbataattis Bifa Ho’aafi 

Adda Ta’een Kabajamaa Jira. #AYYAANA_IRREECHA Onkololessa 8/2017 Guyyaa Har’aa Ayyaanni Irreecha Magaalaa Sabbatatti Bifa ho’aa ta’een kabajama jirachuu Qeerroon gabaase. Uummatni Oromoo Gidugaleessa Oromiyaafi Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa irraa Kan Irratti Argaman yoo ta’uu Akkuma Irreecha Hora Harsadee Bishooftuutti kabajamee Uummatni Oromoofi Qeerroo Bilisummaa Oromoo; Aadaa, duudhaa, eenyummaa, Oromummaa, Tokkummaafi Saboonummaa isaa ibsachuun Nagaa, Bilisummaafi walabummaa isaaf kan falmataa jiru ta’uu ibsuun faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo Alaabaa ABO kan lafeefi dhiiga gootota Oromoon sararamte olqabuun mirmisaa jaalaalafi kabaja Alaabaa ABOfi ABOf qabu sodaa tokko malee ifatti calaqisiisee jira. Yeroo ammaa kana Ayyaannii Irreechaa Magaalaa Sabbataatti bifa adda ta’een baka ilmaan Oromoo miliyoonotaan argamanitti kabajama jira.Gabaasaa dabalataan walitti deebina.

Image may contain: 1 person, standing, crowd, sky and outdoor

Image may contain: one or more people and people standing

1 thought on “Godina Lixa Shaggar Ona Adaa’aa Bargaafi Meettaa Roobii Keessatti Ummanni Ayyaana Irreechaa Har’aa Alaabaa ABO fi Wallee Warraaqsaa Midhagasaa Jiru.

  1. Pingback: Godina Lixa Shaggar Ona Adaa’aa Bargaafi Meettaa Roobii Keessatti Ummanni Ayyaana Irreechaa Har’aa Alaabaa ABO fi Wallee Warraaqsaa Midhagasaa Jiru. – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA

Leave a comment