Onkololessa 8/2017 Guyyaa Har’aa Ayyaanni Irreechaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa #Odaa_Bulluqitti bifa ho’aa ta’een kabajame. Uummatni Oromoofi Qeerroon dargaggootni Oromoo Kumootaan Lakkaawwaman Walitti dhufuun Aadaa, duudhaa, eenyummaa, Oromummaa, Tokkummaafi Saboonummaa isaa ibsachuun Nagaa,
Bilisummaafi walabummaa isaaf kan falmataa jiru ta’uu ibsuun faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo Alaabaa ABO kan lafeefi dhiiga gootota Oromoon sararamte olqabuun mirmisaa jaalaalafi kabaja Alaabaa ABOfi ABOf qabu sodaa tokko malee ifatti calaqisiisee jira.Gabaasaa dabalataan walitti deebina.
Ayyaana Milkii!!