4/10/2017 Humni gita bittaa Wayyaanee TLF Shira ummatoota walitti buusuu jalqabe cimsee kan itti fufe yoo ta’u, akkuma baha Oromiyaan uummata naannoo sumaalee fakkaatee uummata Oromoo lafarraa buqqaasaa ture Lixa Oromiyaanis hojii isaa itti fufuu qophii xumuruun isaa sabaa himaaleef gaabaasalee garaagaraan ifa ta’aa tureera. Humni waraanaa Wayyaanee noonnoolee Oromiyaa daangessan maraag meeshaa waraanaa hiruu irratti argama. Qabeenyaa uummata Oromoo saamuun kanneen badhaadhaan qabeenyuma Oromoo irraa saamaniin meeshaa waraanaa bitanii naannoolee Oromiyaa daangessan gargaaruu irratti fiulleffannoo jabaan hojjetaa jira. Haaluma kanaan torbee darbe keessa meeshaa waraanaa, Matarayyasii, Qawwee, Boonbii fii kanneen waraanaaf oolan mara deggarsa uummata Gumuziif konkilaataa fsr tokko fe’ee utui deemuu kallattiin harkatti qabamuu odeessi Qeerroo ifa godha. Magaalaa Ukkee keessatti meeshaa qabame kana gara waajjira Foolisii magaalaa Naqamteetti sirbaa Foolisoonni oromiyaa aantummaa uummataa agrsiisuun gara Naqamteetti kan geessan yoo ta’u. Deebiin konkolaachisaa sanaas, “Garaa nu ergan, uummatni Gumuz akka ittiin of eeguuf ergaafii nuun jennaan geessan jirra ” jechuun akka Tigiroonni ykn wayyaaneen ergite dubbatan jedhu. Ammas daangaa eeggachuu fuulleffatanii akka jirantu himama