Wayyaaneen TPLF maqaa dhaabbata Lotorii biyyoolessaa jedhuun tooftaa saamichaa bal’isaa jira.

Fulbaana 26,2017/ Dhaabbanni lototii biyyooleessaa kan jedhan fakkeessuun uummata saamaa kan turee fi kan jiru akkasumas hidhaa laga Abbayyaaf jedhee uummaata immicha hin hubannee saamaa kan turee fi ammas kan itti jiru uummaata tattaafatatee Jireenya Isaa siqsuuf waan guyyaan argatan irraa kuufachuuf hixaa waliif darban irratti qaqqoobbii dhiyyeesse jiraachu namoonni quba qaban addeessan.
 Dhaabbanni kun namoota hixaa kana buusan isintu galii mootummaaf malu galii dhuumfaa keessanii gootani,akkasumas namoota akka lotorii hin kunne gochaa jira jechuun lukkeelee isaa gara namoota waan  kana hijjetanitti bobbaasee jiraachu namoonni waan kana dalagan himatan.Qoqqoobbiin kunis namni waan kana hojjetee argame maallaqaa fi hidhaan akka adabamu akeekkachiise jiraachu, namni kana hojjetee argame hidhaa waggaa afurii(4) fi maallaqa 40,000(kuma afurtamaa) hanga hidhaa waggaa kudhanii(10) fi maallaqa kuma dhibba tokko(100,000) adabuuf kan jirudha.Hanga ammaatti namni qabamee adabbiif iyyaate yoo bira hin gahamnes torbee lamaan kana guutuu lukkeelee wayyaanee namoota kana hojjetan akka bineensaa adamsuun hiraarsaa jiraachu namuu quba ni qaba.

 

Leave a comment