Hagayya 9/2017 (Aaga_Dhaga’aa) Sabboonaan Oromoo Dargaggoo Cimsaa Abdiisaa Waggaa lamaaf dararaa ulfaataa keessa kan ture Manneen hidhaa wayyaanee Maa’ikalawwii, Qilinxoo, Shawaa Roobititti hiraarfama guddaa keessa turuun har’a mirga wabiin gadhiifame. Yeroo amma maatii isaatti dabalamee jira. Dargaggoon qaroo uummata ta’e kun yeroo manni hidhaa Qilinxoo gubatee ilmaan Oromoo kanneen mana hidhicha keessatti argaman keessa nama tokko ture, balleessa tokko malee Oromummaan yakkamee hiraarfama waggaa lamaa booda wabiidhan akka gadhiifamee maatii isaa qaqqabee jiru maddeen keenya nuuf mirkaneessaniru . Sabboonaan Oromoo Cimsaa Abdiisaa wayita himatamaafi hiraarfama turetti himatamtoota 22 galmee Obboo Gurmeessaa Ayyaanoofaa keessa kanneen turan keessaa warra mirgi wabii akka eegamuuf jedhaman keessa ta’uu mirkaneeffannerra. Dargaggoo Sabboonaa Qaroo Oromoo Cimsaa Abdiisaa baga waaqni haala ulfaata sana hundaa irraa sii hambisee maatii kee, hiriyoota keefi uummata Oromootti sii dabale. Kana malees hidhamtootni ilmaan Oromoo maqaa isaanii yeroof adda hin baafatiin jirru mirga wabiin guyyuma kaleessa kan hiikkaman jiraachuu maddi Odeeffannoo keenya ifa godha.