Karaa maqaa Gibiraan saamicha Daldaltootarratti bantee turuun nii yaadatamaam. Akeekni saamichaa kun, bakkeewwaan maraaf qaamota biyyattii mara dhaqqabuun amma saatii kanammoo qote bultootaa irratti karaa Gibiraan dhufuuf abbalaa jiraachuun dhagaa’amaa jira. Karaawwaan gibiraa kanaan uummata keenya saamaa kan turte har’as saamaa jirti. Qote bultotaan Kaardii galii
haaronfadhaa jechuun safarri lafaa haaraan jalqabamuuf jedha. Qote bultoonni bakka maratti sochii diinaa kana dhabamsiisuuf marii jabaa
jalqabanii jiruum. Haaluma kanaan Oromiyaa keessaa Qote bultonni lafa isaanirratti ginira gabbaruu akka hinqabne muuxannoo walii laataa
jiraachuu Qeerroon gabaase.
Gama biraan
Maqaa Leenjii Barattootaa Jedhuun Guyyaa Har’aa Irraa Jalqabee Oromiyaa Keessatti Barattoota Hojii Dhorkaa Jiran
Gartuun TPLF yeroo gara yerootti harrootasheetti gargaaramuun uummata kana ba’aa gurguddaa itti fe’ataa turtee jurti. Kanumaan tibba kana maqqa hoji dhabaa gurmeessiina jedhuun barattoota Leenjii kaahaa jiraachuun dubbatameera. Oromiyaa aanalee mara keessatti Leenjiin barataa itti fufee jira.