Baarentuu Gadaa Irraa
Ummanni Oromoo akkuma ummata addunyaa kanarra jiru kamiituu ummata aadaa,afaan, seenaa fi duudhaa akkasumas ummata biyya mataa isaa kan Oromiyaa jedhamtu qabuu dha. Biyya isaarrattis baroota kuma hedduuf wal horee, sirna nagahaa fi guddina, akkasumas jaalalaa fi duudhaalee hedduu of keessaa qabu; sirna bulchiinsaa Gadaa jedhamuun ummata wal-bulchaa turee dha.
Akkuma beekamu biyyi isaa Oromiyaanis; biyyi facaasan irraa hammaaran, biyya irra bobbaasan horanii irratti badhaadhaniidha. Haa ta’uutii weerartoonni Habashaa jiruu fi jireenya Oromoo kanatti inaafanii fi qabeenyaa fi biyya isaa kan ofii godhachuu barbaadan, warri bulchiinsi isaanii bulchiinsa Oromootiin faallaa ta’e erga biyya isaa qabatanii booda kun hunduu hafee Oromoon kunoo biyya isaa irratti beelaan, rasaasaan, dhibeen mankaraaraa fi dhumaa jira.
Weerartoonni Habashaa warri aadaa ilmi abbaa ajjeesee aangoo fi qabeenya abbaa dhaaluu qaban kun Oromoo fi Oromiyaa saamanii beeleessaniiru, hidhanii mankaraarsaniiru, ajjeesaniiru. Wayyaaneen ammoo kan hunda caaltu taatee argamte.
Har’a Oromoon qayee fi qabeenya isaarratti hin ajaju. Qotee, hojjetee, baratee, daldalee nagahaan oolee galuu hin danda’u. Biyya isaa keessa jiraachuun itti hammaateera. Dhalataan Oromoo maafan saamama, maafan hacuucama jedhee dubbatee fi gaafii dhiheesse gaafii malee ajjeefama, hiraarfama, mana hidhaatti darbatama. Walumaa galatti werartoonni har’a biyya Oromoo weeraranii jiran kun sababa tokko malee yeroo barbaadanii fi fedhanitti Oromoo mataa olqabate jedhanii shakkan ajjeesu, hidhu, bakka buutees dhabamsiisu. Keessumaa kan baroota as kaluu kana raawwatee fi raawwataaa jiru dhagahuufuu sukanneessa dha.
Itiyoophiyaan wayyaaneen bulaa jirtu mana hidhaa sabootaati jechuutu irra salphata.
Egaa dhugaan qabatamaan hara’a impaayeera Itiyoophiyaa wayyaanedhaan bulaa jirtu keessa jiru kana ta’ee osoo jiruu wanti TV fi Raadiyoo sirnichaatin odeeffamaa ooluu fi bulu kan biraati. Faallaa dhugaa lafa jiruuti. Dhugaan lafarra jiru kan argisiisu saboota biyyatii irratti keessumaa saba Oromoorratti yakki sukanneessaan danuun raawwatamaa turuu fi jiraachudha. Wayyaaneen garuu dhugaa kana ni haalti. Odoo wanti hunduu ifatti muldhatuu nagaa fi misoomatu jira jechuun karaa midiyaa fi dabballoota ishii bobbaaftee kijibaa ooltee bulti. Ummattoonni biyyattii garuu har’as akkuma kaleessaa beelaan, rasaasaan, dhibeen, kan hafe ammoo baqaan galaanaa fi gammoojjitti dhumaa jiru. nageenyi , quufni, guddinni Wayyaaneen irraa hololaa jirtu takkaawuu Itiyoophiyaa keessatti ta’ee hin beeku, fuunduraafis bakka wayyaaneen jirtutti gongumaa waan milkaawuu miti. Namni gama kanaan milkii eeggatus yoo jiraate osoo of gowwoomsuu baate dansaadha!
Dhiheenya kana kan Muktaar Kadiriin bakka buufame ergamaan Wayyaanee Lammaa Magarsaa; kan yeroo ammaa kana pireezidaantii naanoo Oromiyaa ti ofiin jechaa jiru Finfinnee fi godinoota Oromiyaarra naanna’uun yoo inni holola guddinaa, misoomaa, nageenyaa fi tasgabbii hololu dhageenyee argaa jirra. Ergamaan kun akkuma ergamtoota isa dura turanii kanneen akka Kumaa Dammaqsaa, Junaddii Saadoo, Abbaa Duulaa, Alamaayyoo Atoomsaa fi Muktaar Kadir asii fi achitti daandii, hospitaala, bishaanii fi Ibsaa isiniif galchina jedhees piroojecktii habjuu, piroojektii hojiitti hin hiikamneef dhakaa bu’uuraa tarreessu karaa dda addaa hordofneerra. Namni kun holola misoomaa gaggeessuu caalaayyuu yoo hawaasa naannoo dhakaan kun itti kaa’amutti argame waadaa adda addaa tarreessuun sobuu fi sossobuu yaalu arginee dhageenyee jirra.
Ergamtichi geejjiba diinaa ta’ee Abbaayi Tsahaayyee fi Dabrexiyoon gebramikaa’eel fi qondaaloonni Wayyaanee Oromiyaa keessa asiif achi ittiin gulufaa jiran kun akkuma argaa fi dhagahaa jirru bakka gahe maratti afaan mi’eefatee, sabboonaa sabaaf quuqame fakkaatee ummata Oromoo moogsuu fi afaanfaajjeessuuf yaalaa jira. Waqariin Wayyaanee kun akkuma maqaa piroojektii hojiitti hin hiikamneef dhagaa sobaa tarreessaa oolaa jiru kana gama biraatin ammoo holola tokko haa taanu, wal haa jaallannu, yoos diinni keenya nu sodaata, nagaan haa bu’u, misoomatti haa xiyyeeffannu, mootummaan keenya rakkoo keessan furuuf kutateera, keessumaa dargaggoota ijaarree misoomatti galchuuf kunoo lafa dhakaa fi cirrachi irraa qotamu heektaara ammanaa fi ammasii abbootii qabeenyaa akkanaa fi akkas jedhamanirraa fuunee hiraa jirra jechuun holola gaggeessaa jira.
Dhugaa dha wal jaalachuun, tokko ta’uun, nagaa fi tasgabbii faarsuun waan jibbamuu miti, barbaachisaa fi bareedadhasi. Piroojektoota ummata fayyadan hojiirra oolchuuf dhakaa bu’uuraa kaa’uu fi dargaggootaaf hojii uumuunis hammeenya waan qabuu miti. Dhugaan jiru garuu kanaa miti. Faallaa holola gaggeeffamaa jiruuti.
Namni olii-gadi fiigee waayee nagaa fi tasgabbii Oromoo gorsu kun, inni waayee tokkummaa ummata Oromoo barsiisu kun, kan waayee misoomaa fi guddina odeessu kun eenyu..? inni dhakaa dhoosuu fi cirrecha gurguruudhaan jireenya dargaggoota Oromoo nan jijjira jedhee buufu kun eenyu…..? jennee yoo gaafannee fi duubbee isaa qoranne namni kun ergamaa Wayyaanee, diina Oromooti. Naacha nu alafachaa himimmaan sobaa harcaasaa jiruu dha.
Namni dhakaa bu’uuraa tarreessaa oolu kun, namni tokkumaa Oromoo faarsaa jiru kun, kan waayee nagahaa fi tasgabbii hololu, misoomaa fi guddina dargaggootaa Oromoo odeessaa jiru kun nama ergamaa Wayyaanee ta’uun waggoota 26n darbaniif tajaajilaa turee fi amanamummaa isaaf sartifikeetii fudhateedha. Lammaan nama mataa Oromoo diina jalatti gadi qabee dhaansisaa turee fi jiruu dha. Eeyyee Namni kun ergamtoota Oromoo saamanii saamsisan, ajjeesanii ajjeechisan, hidhanii hisisaa turan miseensoota OPDO qooda ol aanaa qaban keessaa tokko. Namni hara’a nagaa fi guddina faarsu kun kaabinee bulchinsa naannoo Oromiyaa ta’uudhaan waggoota 26n darbaniif kan nageenya Oromoo booreessaa tureedhasi.
Namni kun hoogganaa biiroo dhimma nageenya naannoo Oromiyaa, komishinara komishiinii poliisii naannoo Oromiyaa fi af-yaa’ii Caffee OPDO tureera. Aangoon isa hafee ture yoo jiraate pireezidaantii naannichaa ta’uu qofaadha. Kanarraa ka’uun waggoota 26n darban osoo aangoo gurguddaa qabuu; maaf guyyaa tokkolleen Oromoon maaliif
ajjeefama, maaf saamama jechuu dhadhabe..? yeroo inni komishina
polisii, dhimma nageenyaa fi afyaa’ii turetti Oromoo maqatu hidhame…?, meeqatu dararame…?, meeqatu ammoo ajjeefame..? meeqatu lafa isaa irraa buqqifame…? akkuma hunduu beekufii innis quba qabutti lakkoofsa hin qabu. Har’a egaa maaltu dhalate.. ..? maal dhagaheet quuqamaa fakkaatee as bahuu filate….? Eee har’a ummanni Oromoo fincilee mirga isaa kabachiifachuuf Kaabaa kibbaa- Bahaa lixaa kaanaan maaltu hirriibaa isa dammaqse…? Sodaamoo aantummaadha…? Moo ibidda diinatti qabatee jiru irraa dhaamsuuf daboo bahuu dha…? Deebiin isaa Shakkii malee soda, dhiphuu qabsoon Oromoo FXGn itti bulchee dha; kana irra darbee ammoo ergaa diinaa Oromoo irratti raawwatuu dha.
Oromoon wal jibbee hin beeku, jaallalli inni Oromoof himu kan maaliti..? Oromoon nagahas jibbee hin beeku. Kan nagaa dhorkaa jiru Wayyaanee dha/Aga’aaziidha. Oromoon hiyyummaas hin qabu, kan saamee hiyyoomse saamtoota weerartoota gooftolii isaa, warra har’a isa ergachaa jiran Wayyaanota. Lamma Magarsaa yoo tokko taane diina keenyarra aanna jechaas ture…. diinni kun eenyu…..? Wayyaanee isa ergachaa jirtu moo, ummata Oromoo mirga ofiif qabsaawaa jiru; kan isaan mana hidhaatti naqanii dararaa jiraniidha…? Moo warra mirgaa fi bilisummaa ummata isaaniif qabsa’aa jiranii dha….? Lammaan yoo dhuguma Oromoof nahee fi Oromoof aantummaa qabaate maaf Aga’aazii Oromiyaa keessaa hin baafne…? maaf labsiin yeroo muddamaa akka ka’u hin taasifne…?, maaf saamicha qabeenyaa daangaa darbe kan Wayyaaneen gaggeeffamaa jiru lakkii jedhee hin dhaabsifne…? Ykn saamtoota Wayyaaneerraa qabeenya Oromoo hin deebifne..?, maaf ilmaan Oromoo yakka tokko malee Oromummaa isaanitiin yakkamanii manneen hidhaa adda addaa keessatti dararaman gadi hin lakkisiifne…? Eeyyee gaafiin yeroo maraa Lammaa Magarsaaf dhihaachuu qabu kana. Kan ummanni Oromoo keessumaa sabboontonni dhiheessaa jiranis kanuma. Lammaan garuu gaafii kanaaf deebii hin qabu. Qabaachus hin danda’u. Yoo qabaates deebin isaa kan ta’uu danda’u ‘kun humna kiyyaa oli, ykn ani kanaaf hin ergamne kan jedhu akka ta’u shakkiin hin jiru.
Holola Lammaa Magarsaa hololaa jiru kana ilaalchisee kan dhalataan Oromoo kamuu beekuu fi hubachuu qabu; kan hololaa jiru isa osoo hin ta’iin Abbaayi Xahaayyee fi qaamota tika wayyaanee warra akka Gabrsiyoon faa ta’uudha. Isaantu isa keessan hololaa, dubbachaa jira.
Lammaan yayyii dha, yeyyii hoggantootni TPLF gogaa hoolaa itti maranii, hoolaa fakkeessanii ummata Oromootti bobbaasanii dha. Namni kun dagachiisee akka nama nyaatuuf wixxifataa jiru namuu hubachuu qaba. Quuqamaa fakkaatee humrii Wayyaanee ummata Oromoo irratti dheereessuuf tattaafachaa jira. Kun nama hundaanuu hubatamuu fi irratti dammaqamee hojiin ittisaa hojjetamuu qaba. Keessumaa sabboontoonni Qeerroon Oromoo walumaa galatti ummanni Oromoo akka inni Oromiyaa keessa naanna’ee holola fakkeessii fi kijibaa kana hin facaafne dura dhaabbatuu qaba. Bakka deemetti ugguramuu qaba. Bara, baraan dhiiga Oromoo dhangalaasisaa, saamaa fi saamsisaa umrii diinaa dheeressaa jiraachuu hin qabu waan ta’eef.
~Xumurame~