Adoolessa 8,2017/ Yuunversiitii Wallaggaa keessaa baratoonni bara kana eebbifaman cuunffaan qabxii barnoota saanii mootummaa Wayyaaneedhaan akka yeroon hin laatamneef shirri baratoota moorichaa irratti dalagamaa jiraachuu qeerroon gabaase.
Barattoonni mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessaa bara kana eebbifaman cunfaan qabxii barnoota isaanii yeroodhaan kennamuu dhabuurraan kan ka’e barattoonni moorichaa rakkoo jabaa keessa seenanii gidirfamaa jiraachuu qeerron gabaase.
Akka maddi oduu mooricharraa nu qaqqabetti mootummaan wayyaanee kan hannaa fi diimokiraasii kijibaan biyya bulchaa jiru torban darbe keessa erga baratoota mooraa yuunversiitii wallaggaa eebbisiiseen booda qabxii cuunffaa barnoota isaanii daddaaffiin akka hin laatamneef baratoota moorichaa nagaa dhorkaa akka jirullee ibsame.
Kun kanumaan osoo jiruus Sirni wayyaanee jibba barattoota mooraa yuunversiitii Wallaggaaf qabu irraa ka,uudhaan waraqaa eenyummaa baratoota bara kana eebbifaman irraa guuruudhaan barattoonni osoo qabxii barnoota isaanii hin fudhatin akka mooricha gadi lakkisaniif shirra hamaa eebbifamtoota moorichaa kan bara kanaa irratti akka hojjechaa jirutu gabaafame. Addattimmoo barattoonni mooricharraa bara kana eebbifaman osoo qabxiin barnoota isaanii hin raabsaminiif mootummaa abbaa irree wayyaaneedhaan doormii ciisichaa isaanii keessaallee akka ari’amaa jirantu addeeffame. Kanumaan wal qabatees baratoonni waggaa kana mooraa yuunversiitii wallaggaa irraa eebbifamanis heedduun isaanii yeroo ammaa rakkoo bakka bultii fi waraqaan eenyummaa barnoota isaanii waan irraa guurameef gara itti adeeman dhabuudhaan rakkoo akkaan ulfaataa keessa akka seenanii jirantu gabaafame.Gochi diinummaa sirni wayyaanee yeroo ammaa baratoota mooraa yuunversiitii keessa jiran irratti raawwachaa jirtus caalmaatti kan abbaa irrummaa ishee mullise ta,uus qeerroon moorichaa dhaamsa oromummaa waliif dabarsaa akka jirantu addeeffame.
Kana malees Godina Wallagaa bahaa aanaa gudayyaa Biilaa,gudayyaa jaree,aanaa sibuu siree,aanaa jimmaa horroo keessatti sirni nama nyaataa mootummaa wayyaanee uummata saamaa jiraachuu qeerroon aanoota Sana’a gabaasan.
Akka odeeffannoo naannoo Sanaa gabaasutti mootummaan wayyaanee dirqama kaabineetootatti kennuun,kaabinoonni ergama wayyaanee fudhuun,maqaa uummata beeladhan gargaarra jechuun uummata fedhii fi humnasaa malee uummata saamaa akka jiru uummanni ragaadha.
Dirqama kana mootummaan gara kaabineetti,kaabineen gara gandaatti,gandi gara caasaa gandaa milishaan dirqisiisuun Afooshaa,garee fi gooxiitti caasaa diriirsuun dirqamaan hiraarsuun saamaa jiru.
Waanti nama dhibu namni waan nyaatee bulu hin qabnellee dirqamaan buusii kana akka buusaan hidhaa fi dararaa irraan gahuun akka liqeeffatanii Kennan gochaa jira.
Waan uummanni buusuu kun Osoo uummata beeladheef kennamee gammachuun keenyaaf daangaa hin qabu,garuu sirni nama nyaataan kun rasaasa bituun humnasaa cimsachaa uummata keenyaa ficcisiisaa jira jedhu jiraattonni.
Badiin kun kutaa biyya hunda irratti akka raawwatuuf mootummaan wayyaanee qophiidha. Kutaan biyya waanti kun hin geenye yoo jiraate akka hubattanii irraa of qusatan qaama ilaallatu akka qaqqaabu aamsa qeerrooti. Ilaalaa namni tokko dirqamaan midhaan walakkaadha hanga quunnaa tokko fi Isaa ol akka saamaa jiru dhaddeessa.gara maallaqaatti yoo jijjiirame nam tokkorraa qarshii 100_200 saamaa jiru.
Kun immoo nama waan nyaatee jiraatu hin qabneef hangam ulfaataadha,inni qabu yookenneyyuu inni hin qabne dararaamuun hidhamuun mee maal jedhama addunyaan quba nuhaaqabaatu jechaa jiru qeerroon,oduu kan biraa dudduubaan.