Godina Wallagga Guddayyaa Bilaa Keessatti Daandiin Hojii Geegale Waggaa 4f Osoo Hin Xumuramiin Jira.

Adolessa 4,2017/Godina Wallagaa,Aanaa Gudayyaa Biilaatti,imma ijaarsa daandiin ilaalachiisee  ergi daandiin hojjetamuu eegalee waggaa afurii ol tadhu Qeerroon gudayyaa Biilaa fi jaree ni himu.haatadhu malee hojii kanarratti kan hirmaatu uummata Tigiree fi Goojjamoota qofaa tadhu qeerroon naannoo Sanaa ni addeessa.

Kan nama dhibu garuu namoonni baratan hojii dhabanii jiraan,barattoonni yuunvarsiitii gara garaa irraa eebbifaman hojiidhabanii yeroo isaan hojii guyyaa ijaarsa daandiin gudayyaa biilaa hanga Guttin gidduutti hojjetamaa jiru hirmaachuuf yommuu gaafatan mirga biyyasaani ,qe’ee isaanitti hojjetanii jiraachuu dhabne jirra jechuun qaama ilaallatu nu beeksisii dhaammataniru.
 Kun kanaan Osoo  jiruu uummanni habashaa nutti godaane kun qabeenya uumamaa mancaasaa jiru.bosona Boolalee kan gudayyaa biilaa fi guttin gudduutti argamu mukkeen umurii dheeraa qabu kan akka waddeessaa,wandabiyyoo birbiirsa….. Kkf mancaasuun konkoolaataan gara biyya saaniitti guraa jiru Osoo uummanni naannoo sana mana jireenyaa ijaarrachuuf yoo muka ofii dhaaban kan maasii isaanii keessa yoo muranillee hidhamaa ,adabaamaa jiraatu isaan garuu waa meeqaan nu saamaa jiru jedha qeerroon gama sanaa.akkasumas gochaa gudeeddaa barattoota irratti rawwachaa oolu jedha odeessiin gama sana odeeffannoo biraa dudduubaan.

Leave a comment