Godina Shaggar lixaa magaalaa gindabaratii fi  kaachisitti rakkoo Bishaanii,ibsaa fi daandiin dararaamaa jiraachuu uummanni himatan.

Godina Shaggar lixaa magaalaa gindabaratii fi  kaachisitti rakkoo Bishaanii,ibsaa fi daandiin dararaamaa jiraachuu uummanni gama sanaa ni addeessa.Rakkoo bishaani ergi muudatee baatii sadii oliif erga badee ergi baatii sadii uummanni bishaan qulquulluu dhabuun lolaa lagaa yaadhu ugaa jiraachuu,uummanni dhibee gara garaaf saxilamee jira rakkoo fayyaan wal qabatee jechuudha.

Akkasumas rakkoo ifaatiin hedduu midhamaa akka jiraniif guutummaa guutuutti tajaajila ibsaa balleessuun wal quunnamtii hawwasaa balleesseera sirni nama nyaataa wayyaanee kun ,akkasumas uummanni hojjetee jiraachuu fayidaawwan armaan olitti wal itti qabaman kun waan muudateef jiraachuun ulfaataa tadhuu iyyachaa jiru.
Karaa (daandii) konkoolaataa dur gincii fi gindabarat gidduu sa’aa sadii qofaa deemu amma daandiin mancadhuun akka tilmaamaan sa’a 8_9 akka deemamaa jiru uummanni naannoo Sana’a ragaadha.Waan maraan uummanni naannoo Sana’a rakkoo guddaa keessa akka jiru fi rakkoo akkasii kun oromiyaa guutuu keessatti akka qaqqaabaa jiru uummanni ragaadha.
Kunis tadhu umuriishe xiqqo bubbulcha malee,kufaatiisheef qabxii guddaadha jedha Qeerroon. Tortooraan rooba hin eessu jedhuumiree!!

Leave a comment