Damee Boruu irraa
Takkaa gowwoomuun waan jiru. Bara Baraan gowwoomuun garuu harrummaa malee gamnummaa miti. Mootonni Habashaa yaroo humni isaanii dhabee haxxawwa mee lafa irraa baduuf jedhu gamnumaa fi haxxumaa haaraan as bahuun amala isaa isa duraa ti. Namoota Oromoo keessaa warra jabaa tahan qabatee akka harree itti fe’amee bara dabarfachuu fi lubbuu dheerefachuu deddeebi’ee mulachaa jira. Erga rakkoo isaanii bahanii aangoo isaanii jabeefatanii booda uummatichaaf miti harroota isaanii kanaafuu ulfinaa fi bakka guddaa hin qaban. Akka saree gad baasanii darbuun salphinaaf saaxilu.
Mootummaan Minilki Goobanaa Abaa Daacii malee uummata Oromoo cabsee irratti fe’amuu akka hin dandeenye seenaa jalaa dhokataa miti. Mootummaan Haile Silaasse namoota Oromoo warra akka Gabre Giyorgis Dinagdee utuu hin qabannee Iyaasuu cabsee Mootii Moototaa of mogaassee “ ani dhaloota Yihuudati” , jedhee kijibuu ayyaana hin qabu.. Dokter Hailee Fidaaf qabsawwaan uummataa bal’aaf lubbuu isaa dabarsee kennu kan akka Mengistuu Haile Mariyaam hin jiru jedhee waan yaadeef yaroo dhiphuu isaa gaheef aangoo isaa karaa qabsiiseef. Dokter Nagaassoo Gidaadaa Qabsawwan akka Malesee Zenawwii biyya lafaa kana irratti akka hin jireetti fudhatee miila lamaan OPDO keessa xilqi jedhee seene.
Enyummaa fi maalummaa mootummaa Habshaa walaalanii erga hundee itti horanii booda badii hojjetan ayoo hubatan illee gaabuu malee seenaa of duba deebbisuu hin danda’an. Isaaniifis tahe uummata isaaniif dhumee jira. Gadi koo guddaan warra durii warra akka Gobanaa Dacii waan barumsa baraa hin qabnee haala siyaasa biyya lafaa walaalanii gowwoman haa jennu. Biyya lafa kana irratti karaa barumsaa inni ol aanan doktera tahuu akka tahe wal nama hin gaafachiisu.
Ergaa doktoronni Oromoos akkuma warra hin baranne yoo tasa kan gowwooman tahe uummata Oromoo rakkina of danda’a akka qabu agrsiisa. Kunis uummatni Oromoo garbummaa jalaa akka bilisa baneef dhukkuba guddaa tahee of mlisaa jira. Kana ammas irra deebi’een jala mureen jedha Sabni Oromoo Bilisumma bahuu yoo barbaade ilmaan isaa aboomachuu qaba. Kan qabeenya uummata Oromoo saamsisu, ilmaan Oromoo ajjeessuu fi ajjeesissuu, kan mana hidhaatti ukkamsee gidiraa agsiisaa jiruu fi waxxalaa jiru namoota oromoo lukkee diina tahan. Nuyi garuu diinni keenya Wayyaanee qofa akka taheeti hubanna. Eeyyee diinni keeny duraa Mootummaa TPLF akka the wal nu hin gaafachiisu. Garuu bilisummaa keenyaaf gufuu duraa tahee jiruu basaastotaa fi dbaloota dantaa adda addaan bitee uummata keenya keessa facaasee jiru akka tahe hubachuu qabna.
Ifaa ifatti diinni keena dantaa xixiqqoon namoota Oromoo bitachuu fi ergachuuf bara baraan milka’ee jiru dhugaa ragaa hin barbaachifne. Uummatni Oromoo yoo harqoota garbummaa jalaa bahuuf murteefate abaarsa ilmaan isaan danqamuu kana cabsuu qaba. Har’a uummatni Oromoo dammaqee Bahaa amma Dihaa, Kaaba amma Kibbaa akka nama tokkotti ka’ee abbaa biyyumaa gaafachuu fi falmacuun waan abdii guddaa nuuf kennu dha. Haa tahu malee Mootummaan TPLF qabsoo uummata bal’aan muddamee yaroof waan xixxiqqoo akka saree nuutti darbatu warri waan guddaa godhanii fudhatanii, fi odeessanf jiran ni agarra.
Biyya keenya irraa diinni faldhaanaan kutee kan nutti hixxatu kennaa miti. Maqaa karaa fi naannoo jijjiruun waan uummata Oromoo gonfu hin qabu. Finfinneen handuura biyya abbaa keenya ti. Finfinnee Oromiyaa irraa kan adda baasuu fedhu hojii diina nama raawwatu duwwa. Master Plan harka lafaa jalaa deemu bakkaan gaaa’achuuf malee uummatni Oromoo Finfinnee irraa dhimmi addaa qaba jedhee yaroo gaafate hin jiru. Ummatni waan gaafachaa jiru warri amma yoo isaaniif hin galle yoo jiraate abba biyyummaa ti. Shira mootummaan TPLF xaxxaa jirtu kana uummatni Oromoo harkaa falshalsiisuun dirqama.
TPLF bineesa hamaa mdaa’ee jiru. Du’uu fi jireenya jidduu humna wixxifachaa jiru dha. Qabsoon uummataa karaa hundaa itti jabaatee jira. Qabsoo uummata Oromoo laashesuu, uummat ollaa Oromoo tahan irraa humna waraanaa ijaartee uumata Oromoo rratti kara adda addaan bobbaasuuf yaalli guddaa gootee jirti. UUmmata Ogadden, Afarii fi Gabeelaa humni waraana hidhatee uummata Oromoo irratti boba’ee lubbuu ilmaan Oromoo fi qabeenya uummata oromoo barbada’ee waan salphaatti ilaalamu miti. Sunuu xiqqaatee bara kana immoo basaastonni TPLF Oromota gandaan walitti diruuf naannoo Ambootti yaroo carraaqaan Qeerroon Oromoo akka bira gahan ifa godhanii jiru. Shirri diinni keenya hojjetu lakkawwamee hi dhumu. Dammaqinsaan qabsoo uummatni ofaa jiru kana tiksuun dirqama tokko tokko saba boontota Oromoo ti.
Qondaalotti TPLF qabeenya uummata Oromoo bara baraaf isaan gahu saammatanii of harkaa qabu. Si achi waan tokko saammuu isaan hin barbaachisu. Mana isa waaqatti ejetu ijaaratan of harkaa qabu. Kana booda nagaa argatanii isa of harkaa qaban kana taa’anii ittiin fandalalanii jiraachuu fedhu. Nageenya kana immoo salphaatti qabaachuu hin danda’an. Harki isaanii dhiiga ilmaan Oromoon laaqamee jira. Ilmaan Oromoo lafa abba isaanii irraa buqanii gadadummaati darbamanii jiru.Haati Ormoo imimaan hin galaafnee fi mana booyichi hin seenne hin jiru. Uuummatni Oromoo Mootuummaa TPLFf dhiifama gochuun rakkisaa dha. Waan hundaa dura kan dhufu garuu uummatni Oromoo abba biyyuummaa isaa mirkanneefachuu qaba. Isa booda kan dhufu haalla yaroo irratti hunda’e murtaha.
Mootummaan TPLF akka abbootii isaa Mootota Habashaa malaamaltummaan lubbuu dheerefachuuf namoota akka Abbaa Duulaa Gammadaa fi Lamaa Magarsaa gadi bahaan waan barbaadan akka oddeessan gadi lakkisee jira. Mee Abba Duulaa Gammadaa ilaa akka bofa hantuuta fayyaa liqimsee bokkee yaroo deemuu ilmaan Oromoo miliyoona hedduun lakkawwaman Harargee, Balee, Arsii fi Boorana keessa hongee beelaan waxxalamanii lafeen isaanii qofa itti hafee jira. Namni kun guyyaa humni TPLF biyya Oromoo qabatee kaase amma har’a dhiiga ilmaan dhangalsaa fi dangalaasis nama jiru warri qaanii tokko malee uummata Oromoo hojjechaa jira jedhan yoo agarru nu dinqamuu hin qabnu. Warri kun warra sammuun isaanii samee tortore , harcaa’aa diinaa funaanachuu jarjaraa jiran akka tahe mamii qabaachuu hin qabnu.
Lammaa Magarsaa gooftaa isaa waan Getachoo Asafaa jedhee ala waan tokko gad bahee ni dhubbata jechuun waan dhugaa irraa fagaate. Getachoo Asafaa namni hin beekne yoo jiraatee mataa itti gaafatamaa nagaa eegduu TPLF kan ilmaan Oromoo funaanee ajjeesisaa jiru dha. Kana duras isaaf hojjechaa akka turetti beekkama. Tooftaan uummata Oromoo sabota adda addaa wajjin walitti diruus waan hojjechuu dideef nama uummata Oromoo dagachiisee qabsoo bilisummaa uummatni Oromoo oofaa jiru qabaneessuuf nama ergamee jiru dha.
Lammaa Magrsaa miti namni Oromoo hin taane tokko iyyuu of kennee qabsoo uummata Oromoo gara fuula duraa kan tarkaanfachiisu yoo tahe eebisamuu qaba. Waan Lammaan dubbatu miti kan ilaalamuu qabu waan Lammaan hojjetu dha. Erga Lammaan dhufee ajjeechaan ilmaan Oromoo hin dhaabbanne. Ilmaan Oromoo kumaataman mana hidhaati guuramaa jiru. Lammaan lafaa fi hojii isiniif kenina jedhee Qeerroo fi Qarree Oromoo laashesuuf tooftaan warraaqaa jira. Haa tahu malee Lammaan uummata Oromoof dhaabbatee yoo jiraate:
- Ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti gidiraa jiran hiikuu
- Ajjeechaa ilmaan Oromoo dhaabuu
- Waraana Agaazii biyya Oromoo keessaa baasuu
- Labsiin hattattamaa akka xumura argatu gochuu
- Uummatni Oromoo nagaan bahee akka galuu gargaaruu
- Weerara warra olaa irraa uummata irratti xiyyeefatame irraa ittisuun kan aangoo isaa eehamu dha.
Ammaa Lammaan kan godhee hin argamne Lammaa farsaa oolu illee garaagrumaa nuuf hin qabu. Uummata keenya waan xiqqootu gammachiisa . Kanaaf iyyuu bakka guddaa yaadne ga’uuf hanqanna. Nan yaadaa dha bara Dargii :
“Nooruu yaa Tafarii Bantii
ee’egataa loli Dargiin nama gantii”
jedhee uumatni yaroo fardaan sirbaa dhufu Dargiin duruu Tafarii Bantii irraa murma kutee jira. Kan uummataaf waa hojjete farfachuun kan eebsamuu qabu dha. Warri diinni of dura qabee lubbuu dheerefachuu deemu adda baafne ilaaluu qabna. Garuu warri kun ofii aarsaa tahanii mootummaa Habashaa jiraachisu malee rakkina uumata Oromoof hiikaa hin argmsiisuun of iyyuu galgalli isaanii bareedaa hint ahu.
Kan durii daran saba boontonni Oromoo Qeerroo Bilisummaa Orommo, Adda Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo bal’aa wajjiin dhaabbanne qabsoo abba biyyaaf goonu jabeefachuu qabna.” Lammuu nan soofan jette Jartiin qullubbii hattee” , jedhu. Bara baraan gowwommun nu gaha. Erga ayyanni nu darbee booda gaabuun gatii hin qabu.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Gadan Gadaa bilisummaa ti!
Pingback: Gowwumaa Immoo Harrummaa Dha? – OROMIYAANWANOFITIABBAATUU EGATAA