Waxabajjii 21,2017/
Yeroo darbe tajaajila elektrooniksiin wal qabatee kara bilbila harkaan kaardiiwaan Abbaa qarshii 5 fi 10 badanii turan. Adeemsa kana keessatti maatiwwaan akkatti bakkaa bakkatti sochii walii gaafatn dhabamee rakkoo hamaa keessa seenamee jira. Irrattis qiisasama maallaqaa hamaa keessa galee, saamicha dirqamaan dhaabbanni teelee biyyatti iimmatarra ture. Ammallee wanti sunneen itti fufuun kaardiwwaan abbaa 5, 10 fi 15 badanii jiran. Adeemsa kana keessatti uummanni abbaa qarshii 25 bituuf gahaa hintaane akka malee miidhama hamaa keessa seenee jira. Wantoota kana hatattamaan furuu baannan tajaajilli meeshaalee elektrooniksii hir’atuu baatu baajeti uummataa
akka malee gadi bu’uurra taree, beela hamaa keessa biyyatti galchuu mala.
Akkuma kanaan, tajaajilli intrneetaa daran dabalee jira. Daqiiqaa 20 gidduutti MB 15 ol uummatarraa saamu. Kaardiiwwaan abba 25 kana fayyadamus yoo danate, isa duraa irra dachaa sadi dabaluun teeleen biyyattii saamaa jiru. Haalli kunimmoo uummataaf addunyaa addaan hiruuf gahee guddaa taphataa jira. Saamichaawwaan karaa meeshaalee elektrooniksii uummtarra gahee jiru kanaan baajeta uummataa saamee
tuulurra taree, akka adamof isaanii tolutti ilmaansaanii basaasaaf fuula interneetarra naqatanii jiru. Kunneen marti aangoo isaanii bakkatti eegsifachuuf akka ta’e ifaadha.
Pingback: Haalli Tajaajila Elektrooniksii Biyya Ethiopia Keessatti Ittuu Hammaataa Adeemee Jira – Site Title