Baarentuu Gadaa Irraa
Isa dhaabbataniif ammanummaa fi jab
inaan falmuun kabajaa namaa laata, Injifachuunis hin oolu. Kaayyoof wareegamuun oolee haa bulu malee gatii guddaa qaba. Namni ykn jaarmiyaan kamuu, eeyniyuu dhugaaf cichinaan milkiin kan isaati. Injifataanis isa.
Isa dhugaa dubbatu, isa haqaaf dhaabbate, isa walqixxumaa fi bilisummaaf falmu inni haqa dabsu, inni nama ajjeesee saamu, inni kijbu hin jaalatu. Haqa dabsaa fi kijibaan karaa isaa danda’ame hundaan sagalee nama dhugaa dubbatuu ukkaamsuuf yoo tattaafatu argaa fi dhagahaa jirra. Kijibdoonni sobaa fi holola fakkeessii afarsaniin sagalee dhugaa ukkaamsuuf yaalaa turan, yaalaas jiru. Horii dhanglaasanii dhugaarra aanuuf tattaafatu. Wayyaaneen impaayeera itiyoophiyaa bulchaan jira jettus wanti ishiin waggoota 26n darban raawwachaa turtee fi jirtu kanuma. Haqa dabsuuf, sagalee ummataa ukkaamsuuf wanti murni tun hin raawwatin hin jiru. Keessumaa SBO fi Sagantaa TV Gaaddiisa dhugaa jedhamu irra deddebiin ukkaamsuuf yaaltee jirti.
Wayyaaneen hattuu,sobduu fi saamtuu waan taateef sagalee dhugaa hin jaalattu. Kanumarraa ka’uun midiyaalee Oromoo keessumaa SBO fi sagantaa TV Gaaddisa dhugaa irra deddeebin ukkaamsaa turte. Wayyaanee Sagaleen dhugaa ni baanbanasa, ni dhiphisa, ni shorokeessa. Waan taa’eefuu yoo sagalee bilisummaa Oromoo fi sagantaa tv Gaaddisa Dhugaa argituu fi dhageechu ni dhiphatti, ni shorkoofti, hirriba hin qabdu.
SBOn miidiyaa Oromoo ABOn qabsoo bilisummaa ummata Oromoo finiinaa turee fi jiru gurra firaa fi halagaatiin gahuuf dhaabe dha. Miidiyaan kun; miidiyaa waggoota 28 oliif tajaajilaa odeeffannoo ummata Oromoo fi jaalattoota qabsoo bilisummaa Oromoof kennaa turee fi jiruudhasi.
Baroota 28n darban kana keessa SBO ukkaamsuuf dinni waan hin dalagin hin qabu. Haata’uutii dhakaa diinarraa itti darbatamaa turee fi jiru hundaa SBOn ummata Oromoo waliin ta’ee cichoominaa fi jabinaan ofirraa qolachaa as gaheera. Odoo tajaajila Odeeffannoo dhugaa fi qabatamaa ummata Oromoof kennuus waggoonni 28 lakkaawwamaniiru. SBOn Funduraafis amma ummanni Oromoo bilsummaa qabsaawaaf argatutti miidiyaa caalaatti cimee hojjii isaa itti fufu malee kan duubatti hin jenne ta’uu sadarkaan har’a irra jiru ni mirkaneessa.
Waxabajjiin 15 barri 2017 guyyaa hundeeffama SBO waggaa 28 ffaa dha.
SBOn bara ummanni Oromoo miidiyaa takkallee hin qabne, bara diinni kan yeroo kamiituu caalaa sagalee fi qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuf kutatee ka’e kan dhalate dha. Haata’uutii SBOn akka midiyaalee isa duras ta’e isa booda dhalataniitti battaluma dhalateetti hin dulloomne. ykn badee hin hafne. SBOn guyyaarraa gara guyyaatti amanamummaa fi aantummaa ummata Oromoo guddaan naa’uumsa miidiyaa eeggatee cichoominaa fi jabinaan tajaajila isarraa eeggamu bahataa ture, bahataas jira. SBOn ummata Oromoo tajaajiluu qofa osoo hin taanes miidiyaalee hara’a asii fi achitti banamaa jiranifillee fakkeenya gudda ata’eera. Guddinaa fi jabina SBO kanaaf ammoo adda durummaan miseensoota ABO dadhabne, nuffine hin jennee fi sabboontoota miseensota hawaasa Oromoo biyya alaa fi biyya keessa jirantu qooda olaanaa qaba.
Miseesnoonnii ABO fi Hawaasni Oromoo biyya alaa jiru SBO yeroo ammaa kana midiyaalee dhiheenya banamanifillee fakkeenya gudddaa ta’e kana qilleensarratti eeguu, akka ciminaan sagalee ummata Oromoo ta’ee itti fufu godhuu keessatti gumaata lakkaawwamee hin dhumne gumaata ture,gumaataas jira. Kun dhugumatti waan nama boonsuu fi nama gammachiisu dha. Warri miidiyaa kana asiin gahuu keessatti gumaata beekumsaa, qabeenyaa fi humnaa gumaatanis hojiin hojjechaa turanii fi jiran waan itti boonuu fi ittiin dhaadachuu qabanii dha, galata guddaas qabu.
Har’a yoo waggaa 28 ffaa SBO kabajnu baayyeen keenya midiyaalee hawaasaa odeeffannoo adda addaa dabarsan gidduu teenyee ta’uu mala.
Haata’uuti SBOn jaarraa 20ffaa keessa dhalate har’as jaarraa 21ffaa kana keessa midiyaa kamuu caalaa madda odeeffannoo dhugaa ta’ee, ummata Oromoo fi deeggartoota qabsoo isaa biratti sadarkaa 1ffaatti caqasama. Odeessa qabatamaa fi sagalee bilisummaa ummata Oromoo dhugaas ta’ee tajaajilaa jira. SBOn odeeffannoo dabarsuu qofas osoo hin ta’in Aadaa, afaan, seenaa Oromoo guddisuu keessattillee qoonni qabaachaa turee fi jiru kan laayyeetii ilaalamuu miti. Kana walitti qabnee yoo ilaallu dhugaa dubbachuuf kun yoo diina Oromoo Wayyaanee ta’e malee kan hunda keenyaa bonsuu fi gammachiisu dha.
Diinoonnii ummata Oromoo keessumaa Wayyaaneen waggoota 26n darbaniif sagalee amanamaa fi tajaajila guddaa ummata Oromoof kennaa turee fi jiru kana amma dhumaatti ukkaamsuuf shirrii fi maallaqni itti hin baasin hin jiru. Sagalee adda ddaa itti gadhiisuunis ukkaamsuuf yaalaa turtee jirti. Kana bira dabartees bakka tamsaasni kun irraa gaggeeffamu qorachuun akka cufamu yaaliin hin taasisin hin jiru. Garuu hundattuu hin milkoofne, fuunduraafis itti hin milkooftu. Sagaleen bilsummaa Oromoo kale amma yoonaa ni jira. Amma sabboontoonni saba isaaniif dabarsanii of kennan jiranittis SBOn sagalee dhugaa, sagalee bilsummaa fi injifannoo Ummata Oromoo lallabu ta’ee itti fufa.
Keessumaa injifannoo WBOn, qeerroon bilisummaa Oromoo diinarratti galmeessu labsuu jibanaan ummata Oromoo biraan gaha.
Egaa miidiyaa keenya SBO rakkoo hedduu keessa qaxxaamuruun amanamummaa fi cichoomina guddaan as gahe kana har’alleen diinni waan irraa hin dhaabbatiniif hundii keenyaa jabinaan eeggachuu qabna. Sagaleen injifannoolee qabsaawoonni bilisummaa Oromoo diinarratti galmeessisaa turanii fi jiran waggoota 28f jabinaa fi cichoominaan labsaa as gahe kun gongumaa gufuu xixiqqoo fi rakkoo maallaqaatin adda cituu hin qabu. Ummanni Oromoo keessumaa Hawaasi Oromoo biyyoota alaa keessa jiru akkuma kanaan dura saglee isaa tikfacha ture fuunduraafis gama hundaanuu SBO sagalee isaa cinaa dhaabbatee cimsuu qabaan dhaamsa keenya! Dirqama lammummaatisi.
Reblogged this on OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA.
Pingback: Waggaa 28 Guutuu Sagalee Ummata Cunqurfamaa Ta’anii Tajaajiluun Ciminaa fi Cichoominarraa madda! – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA