Koloneeffataan TPLF Godina Wallagga Aanaa Waayyuu Xuqaa fi naannoo ishee irraa xaa’oo kutuudhaan uummata naannichaa rakkoo beelaaf saaxilaa akka jiru himame.

Image result for Wayu Tuka Woreda, East WollegaCaamsaa 30,2017/ Godina Wallagga aanaa Waayyuu Xuqaa fi naannoo ishee keessatti koloneeffataan Wayyaanee uummata irraa xaa’oo kutuudhaan uummata naannichaa rakkoo beelaaf saaxilaa akka jiru himame.
Akka maddi oduu Qeerroo naannicharraa himaa jiranitti uummanni naannichaa maqaa mootummaan wayyaanee xaawoo uummaticharaa kuteef rakkoo keessa akka seenanii jiran human.Irra caalaattimmoo akka oduun qeerroo achirraa dhufaa jirutti xaawoon akka harka qonnaan bultootaaf kennamuuf dhiyaateyyuu gatiin isaa humna uummata naannichaa ol waan ta’eef bitannee itti fayyadamuun nutti ulfaataa jira jechuunis uummanni naannichaa iyyachaa jiran.Sababa dhiyeessii xaawoo dhabuu isaanii kanarraa kan ka’es uummanni aanichaa beelaaf saaxilamaa jiraachuu isaaniitu gabaafame.
Sirni aangoo qawween biyya bulchaa jiru wayyaaneen karaa tokko maqaa misoomaatiin uummatatti hololaa karaa tokkoon uummata oromoo miidhuun ittuu qabsoo uummatichaa gabbisa malee boodatti hin deebisu

Leave a comment