Qondaallonni Wayyaanee OPDO Ummata Oromoo Guyyuu Walgahii Jechuun Hojii Hiiksisee Rakkisaa Jiru.

Caamsaa 17/2017 Godina Arsii Aanaa Siree keessatti Rokkoolee bulchiinsa gaarii kan ummanni irraa komii kaasaa jiran ganda hundarraa qorannee adda baasuu qabna jechuun OPDOn ummata iddoo hundatti wal gahii jettee roobafii aduun qaqaa jiraachuun dhagayame.Rakkoo bulchiinsa gaarii qofa osoo hin taane ummanni tokko Shaniin deebi’ee akka ijaaramuu qabus akeekkachiifni bulchitoota gandaatiif kennamee jiraachuu maddeen oduu keenyaa gabaasanii jiru.

Kana malee Godina Addaa Oromiyaa naannawa finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqiitti koonfiiransiin dargaggootaa gaggeeffamaa jira.

Dargaggoonni magaalattii hundi akka wal gahii kanarraa hin hafne galgalaan sagalee guddiftuun iyyaa turuun isaaniis dhagayameera

Leave a comment