Caamsaa 8,2017/ Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Bushooftuutti ergamtoonni Wayyaanee hanga gandaatti jiran hunda maqaa gamaaggama hojii ji’a sagalii jedhuun marii teessisaa jiru.Wal gahichi garuu kan gaggeeffamaa jiru.Bushooftuun Oromiyaa taatee osoo jirtuu Afaan Amaaratiini gaggeessaa jiru.

Gama kaaniin Godina Addaa Naannawa Finfinnee Aanaa Mulootti Dargaggoonni dhuunfadhaan Motora bitatanii jireenya guyyaa guyyaa isaanii ittiin gaggeeffatan hundi waldaan gurmaayan malee.Socho’uu akka hin dandeenne jechuun Wayyaaneen Dargaggoota Motora qaban hunda gurmaayaa jettee dirqisiisaa jiraachuun dhagayameera.Mootummaan Wayyaanee TPLFn hoogganamtu qabeenya dhuunfaas kan mootummaa gochuuf Ummata waliin dhayaa jirti.Akka keessa beeytonni jedhanitti wayyaaneen wanti waan kana gidhaa jirtuuf.Mormii waggoottan lamaan dabran kana keessatti Ummanni godhaa ture keessaa.Konkolaattonni akka taaksii fi gara kutaalee biyyaa deddeebi’an akka Hojii dhaabuun mormii hin goone godhuudhaf akka ta’e dubbatamaa jira.Mormii Abbootiin Qabeenyaa konkolaataa fi Shufeeronni godhan baada Taaksii magaalaa finfinnee keessatti nama deddeebisanii fi Baasii shaggar jedhamu karaa namoota ufii gurmeessiteetin biyya keessa galchuun isii ni yaadatama

Leave a comment