Caamsaa 4,2017/Hojjattoota Waajjiraalee Nageenyaa hanga Gandaatti jiranii,Hojjattoota Carraa Hojii hanga Gandaatti jiran fi Jiraattota Magaalattii hunda walitti qabuun marii nageenyaa jechuun Ummata jireenya isaa guyyaa guyyaanii akka hin gaggeeffanne gichaa jiraachuun dhagayameera.Marii isaanii kana keessatti wanti irratti fuulleffatamee irratti mar’iatamaa jiru dhimma Qabsoo Ummanni Oromoo gaggeessaa jiruu yoo ta’uu.
Namoonni keessattuu Qeerroon kamuu Sirboota warraaqsaa maatii isaanii baratti akka hin dhaggeeffannee fi maatin isaaniillee akka waan kanarraa dhoorgu fi dhimma kamiifuu shakkamanii poolisaan yoo qabaman duraan dursee bilbiloonni isaanii ni sakkata’amu wallee warraaqsaa keessatti argamnaan shororkeessummaan himannaan irratti banama kanaaf Dargaggoota beeytanii fi akkasumas Ujoollee teessan waan kanarraa akka uf dhoorgan jechuun marii godhaa jiru.