DIINQA OROMOO KUTAA II-Aadde Dinqinash Dheeressaa Kitilaa, Itti gaafatamtuu Jaarmiyaalee Dubartoota Oromoo Addunyaa!
Qabxiiwwan kanaa gadiirratti gaggabaabinaan mariyannee jirra.
1.Dhimma barumsa Afaan Oromoo harmoolii Oromootiin adeemaa jiru.
2. Gaheen dubartoonni seenaa qabsoofi bulchiinsa keessatti qabdu; ooggansa dubartoota oromoofi kkf.
3. Ijaarsi dhaaba Dubartoota Addunyaa kun shamarran Oromoo ni ilaallata? Barattoota Qarree/Shamarran Oromoo Yunivarsiitiifi kolleejjii keessa jiran ni ilaallataa/Of keessatti aammataa? Haala kamiin dubartoonni biyya keessa jiran hariiroosaanii jabeeffatu?
4. Jaarmiyaa dubartootaa Oromoo kana biyyaa biyyaatti (from State state) ardiilee gara Ardiitti (babal’isuurratti) karoora akkamii qabdu?
Fi akka waliigalaatti dubartoonni oromoo maal dhaammatu? Rakkoo maalii keessas jiru kan jedhurratti waliin kan turre, Ani Beekan Gulummaa Irranaa, Camrbridge,USA fi kan ogummaa takinikaan gumaachasaa ba’e Nuuree Sabaa biyya kanaadaarraafi keessummaan keenyaas Washington DC, USA keessa jiraatti.
Ebla, 2017