Ebla 24_2017
Godina Walloo aanaa Baateetti guyyaa hardhaa oromoo walloo fi uummata Affar waliin karoora daangaa babballifachuu uummanni Affaar lafa Oromoo ykn daangaa Oromoo ce’uun lammiilee Oromoo irratti dhukaasa uummata keenya naannoo baateerratti baneen uummata keenya hedduu midhaaman namoonni miidhaman yeroo ammaa hospitaala baateetti yaalama jiru jedha gabaasni Qeerroon baate.
Manneen jireenyaa, qabeenyaa fi bosona naannoo sanaa abiddaan mancaasaa akka jiran gabaasni nugahe nidhaddeessa.Gochaan kun humna wayyaanee liyyuu poolisiin jeettee uummata somaalee uummata keenya harargeerratti bobbaaste gama Walloon baateenis uummata affaar kaasuun umrii dheereffachuuf gootudha.tooftaa kana namuu beekuu qaba.