Godina Arsii lixaa Magaalaa Qoree Keessaa Barrattooti Manneen Barnoota Sadarkaa 1ffaa Irraa Hidhamaa Jiru.

Ebla 26,2017 /Godina Arsii lixaa Magaalaa Qoree keessaa barattoonni qabamanii mana hidhaatitti darbatamaa jiru.Tibbana barattoonni uffata wayyaaneen ummataaf raabsite kan duubaan barruu HAAROMSA GADI FAGEENYAA jedhu dallaa fi bakkoota gara garaatti fannifamanii turan kanneen barattoota kanneentu fannise shakkii jedhuun barattoota nagayaa hidhaa jira.Ebla 24/2017 Guyyaa barattoota mana barumsaa irraa gara mana isaaniitti deebi’aa jiran kararraa qabuun mana hidhaatitti darbanii jiru baratoonni hidhaman kunniin

1, Feeysal Abduljabbaar barataa kutaa 5ffaa

2,Jamaal Ahmad barataa 8ffaa

3, Kaamil Amaan barataa kutaa 5ffaa

4,Muhaammad Kadiir barataa kutaa 7 ffaa

5,Rashaad Usmaan barataa kutaa 6ffaa kanneen jedhaman warra ammaaf maqaan isaanii nu gaheedha

Leave a comment