Ebila 20,2017
Oromiyaa keessatti dararaa hamaan uummata Oromoorra jiraachuu eenyullee kan beeku yoo ta’u. Daraaraan kuna akkaan hammaataa dhufuusaas yeroo gara yerootti gabaafamaa kan jirudha. Duullii diinni Uummata Oroomoorratti banee jiru kun ittuu kan hidda fagaaffatee jiru ta’uun, qote bulaan, daldalaan, barataan balaa kanaan hedduu miidhamaa jira. Keessattu erga labsii kana labsitee asitti uummata Oromoo qabeenyaa qabaachuu isaaf Oromoo ta’uusaa qofaaf hidhuun reebuun waan baratamedha.
Daldaltoonni jajjaboon meeshaa jireenyaa hawwaasaaf dhiyeessaa turan hedduun mana hidhaatti darbamanii waan jiraniif wal bituuf wal gurguruun hammaataadha. Keessattuu qote bulaan Oomisha isaa gabaaf dhiyeeffachuun rakkoo hamaa ta’ee waan jiruuf hedduun beelaaf
saxilaamaa jiraachuullee argaa jirra. Kanuumaan Lixa Oromiyaa mara keessatti daldaltoonni hedduun qabamanii waan jiraniif namoonni Buna
qaban gabaaf dhiyeessuu danqamaa jiru. Kunimmoo waan jireenya hawwaasaa gadi buusaa kan jiru yoo ta’u beelaaf yeroo dhiyootti nii
saaxila jedhamee yaaddahamaa jira. Kana cinatti hawwaasa nagaan bahee galuun waan itti ulfaatee jiruuf jireenya Isaac yaaddoo hamaan waraana ganamaa galgala dhaanuuf ajjeesuu ta’uullee argaa jirra.