Ebla 17,2017 /Guyyaan gootota Oromoo wareegamanii mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti bifa haawwatan yaadatamee oolee jira. Mooricha keessatti humni diinaa hidhannoo guutuu sochii taasisuun baraataa doorsisee irraa hamnbisuuf utuu yaaluu gotuumaan utuu humna hidhatee socho’uuf bakka hin laatin gurmuun Qeerroo Jahaan kabajamee oolee jira. Haaluma kanaan gurmuun Qeerroo Kitoo furdisaa achuma Doormitti gurmuun qeerroo lama mooraa guddaarraa bakkeetti bahuun yaadatanii akkasuma mooraa guddaarraa gurmuun lama Doormii doormitti yaadatanii oolan. Haala qabsoo oromoof egeree Oromiyaa irratti xiyyeeffannoo hojjechuu akka qabaniif dirqamni guddaan irraa jiraachuu marii isaaniin walii ibsanii jiran. Qabsoo Oromoo keessatti wareega Shiftaa Sumaalee Oromootarraa gaheef gadda qaban ibsataa daandii Tokkummaa isaan saaqanii har’aa afaan keenyaa dubbachuuf barreessuu erga dandeenya bor dhalataan nu boodaa Waregama keenyaan biyya Oromiyaa hundeeffatee walabaan jiraachuu qaba jechuunis waadaa haaronfatanii jiran. Irbuu isaaniis haala hawwataan haaronfatanii jiran. Saganticharratti Qeerroowwan lamaan Walaloon dhiyaatee jira.
we all loves you all but almight Allah loves you most all our heroes